Daneessummaa- Guddummaa fi bifa Itoophiyaa - ENA Afaan Oromoo
Daneessummaa- Guddummaa fi bifa Itoophiyaa
Itoophiyaan dachii durdurii ta'uurraa kaasee madda dhala namaa dhugaa ta'uu isheetiin olitti, sirna ikkoolojii hedduun kan badhaafamtee fi dachii miidhagduu jireenyaaf mijattuu taateedha.
Daanessummaa bifa Itoophiyaa; ummata biyyaa qofa osoo hin taane, daawwattoonni biyya Alaa ragaa isheef bahaniiru.
Hayyuu beekamaan Itaalii Carlo Conti Rossini Itoophiyaan baay'ina saboota ishee, abbaa aadaa fi afaanota hedduu ta'uu isheetiin ‘kuusaa daneessummaa baay'ee’ jedhaniru.
Seenaa, aadaa fi caasaa hawaasaa ummata Itoophiyaa irratti qorannoo bal'aa gochuun kan beekaman pirofesarri Ameerikaa Doonald Levine ‘Itoophiyaan guddittiin oobdii Aadaati’ jedhu.
Ummatoonni Itoophiyaa guddittii aadaa adda addaa uumuudhaan; qomoo adda addaatti qoodamuudhaan; kophaa isaanii fagaatanii, citanii fi dhokatanii hin jiraanne.
Yoo xiqqaate waggoota kuma lamaan darban keessatti daldalaan, waraanaan, dhimma amantaatiin, socho'uudhaan, fuudhaa fi heerumaan fi tajaajiloota adda addaa jijjiirrachuudhaan walitti dhufeenya uumaa turan.
Barreessaan fi dippilomaatiin beekamaan Haddiis Alamaayyoo Itoophiyaan biyya Qomoowwan adda addaa , amantaa, aadaa fi afaan adda addaa qaban keessa jiraatan ta'uu ishee eeru.
Mootonni baroota adda addaa keessa turan gosoota adda addaa qindeessuudhaan bilisummaa fi tokkummaa Itoophiyaa eeganii itti fufu isaanii kaasu.
Itoophyoonni ribuu dhokataadha; bifni isaaniis daanessadha.
Itoophiyaanni hanqina walii galtee keessoo yoo qabaatanis, kabaja, ol'aantummaa fi bilisummaa biyya isaanii irratti garuu hin sarmani .
Mootummaan yoo weeraramu tokkummaan ka'anii; aarsaa waliinii kaffaluudhaan biyya miidhagduu nu dhaalchisaniiru.
Qabsoo Itoophiyaaf taasifaman, qaroomina sabdaneessaa fi seenessa waloof bu’uura dha.
Mu'aza Xibabaat Diyaaqon Daani'el Kibrat kitaba isaanii ‘Idaa fi miindaa seenessaa’ jedhu keessatti “Sabdaneessummaan seenaa fi bifa Itoophiyaa isa duriiti” jedhu.
Keessattuu amala uumamaa socho'iinsa namaa, daldala, bulchiinsa fi sababoota biroo kaasuu dhaan “Jalqaba qaroominaatiif sababni guddaan sabdaneessummaa namootaati” jechuun qaroominni keenya kanaan duraa gatii sabdaneessummaa akka qaban eeraniiru
Guyyaa Daanessummaa yeroo kabajnu Itoophyoonni fedhii fi jaalalaan jiraachuu itti fufsiisuu, kabaja fi ol'aantummaa biyya waliiniitiif ittigaafatamummaa fi tokkummaan hojjechuu, guddina fi badhaadhina isheetiif tattaaffachuu hojii mana guddaa qabannee ti.