Tamsaasa Kallatti:

Qaammee 4: Guyyaa Daneessummaa

Qaammee 4/2018(ENA): Biyyi keenya Itoophiyaan biyya guddoo gaanfa Afrikaa, heddummina sabaaf sablammootaa, afaan, amantaalee, aadaafi duudhaa garaa garaan badhaate yoo taatu, faaya eenyummaan hedduun keessatti dagaagee mul'atuufi daneessummaa akka qabeenyaatti; garaagarummaa akka humna tokkummaafi miidhaginaatti fayyadamtee jiraattudha.


Daneessummaan bu'uura humna seenaafi madaala tokkummaa Biyya keenyaa akkasumas qabeenya waloofi ibsituu eenyummaa uummattoota Biyya keenyaa yoo ta'u, hojiiwwan haaromsaa barii jijjiiramaarraa eegalee hojjetamaa jiran keessaa eenyummaan, afaan, aadaafi duudhaan uummattoota Biyya keenyaa qixa barbaadamuun kabaja maluuf argatee hammattummaan sirriin akka dhugoomu ta'aa jira.

Hammattummaa kanas madaala isaa eeguun hirmaannaafi faayidaa uummataa qixaan mirkaneessuun imala badhaadhina biyya keenyaaf bu'uura cimaa kaa'uufi duudhaalee tokkummaa uummattoota biyya keenyaa jabeessaniifi seenessa waloo dagaagsuun hidda tokkummaa uummatichaa jabeessan dagaagsuu qabna. Duudhaaleen kunniin haaromsa keenya har'aatiif madda qalbiifi humna waloo ta'anii kan tajaajilan yoo ta'u, aadaa waliin jireenyaa cimsuu, tajaajila lammummaafi hojiiwwan namooma giddugaleessa godhatan aadaafi duudhaa gabbataa qabnu waalta'aa taasifachuun walitti dhufeenyi hawaasummaa jabaachaa jira.

Hawaasummaan tajaajila waloo irratti hundaa'e kun, wal-tumsuufi wal-deeggaruu aadaa gochuun, guddina dinagdeefi hawaasummaaf bu'uura ta'uun walitti dhufeenyi hawaasummaa aadaa namoomaan cimee jaalalaafi tokkummaa uummatootaa haala hin sharafamneen walitti hidheera. Kanaafuu, tokkummaa keenya keessatti daneessummaa keenya ulfeessaa, daneessummaa keenya keessattis tokkummaa keenya cimsachaa gara badhaadhina walootti waliin imaluun murteessaadha.

Qaammee 4: "Guyyaa Daneessummaa" jennee yeroo kabajnu garaagarummaa keenya faajjii miidhagina keenyaa taasifannee aadaafi duudhaa keenya kabajaa, seenessa keenya waloon dagaagsaa, waloon dhaabannee biyya keenya keessatti ilaalcha 'ana' jedhu caalaa ilaalcha 'nu' jedhu guddisnee daneessummaa humneessinee gara humnaatti jijjiirree egeree biyya keenyaa ifaa taasisuuf hojjechuu qabna jechuun ibseera BKO.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015