Tamsaasa Kallatti:

Itoophiyaan Qormaatilee adda addaa Cichoominaan Keessa Darbuun Injifannoowwan Boonsaa Galmeessaa Jirti — Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii

Qaammee 3/2018 (ENA) — Itoophiyaan qormaatilee adda addaa cichoominaan keessa darbuun injifannoowwan boonsaa galmeessaa akka jirtu Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyoo Tashaagaar ibsan.

Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii, Guyyaa Cichoominaa mata duree “Cichoominaa Itoophiyaa, Olka’iinsa Biyyaaf” jedhuun, Golambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti sagantaalee garaagaraatiin kabajaniiru.

Sagantaa kanarratti hojiiwwan Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaa Itoophiyaa, Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa, Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Saayibarii fi Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itoophiyaa raawwachaa jiran yaadatamaniiru.

Kaayyoon guyyaa kanaa inni guddaan, hojiiwwan dhaabbileen kunneen dameewwan garaagaraa keessatti cichoominaa fi olka’iinsa Itoophiyaaf hojjechaa jiran beekamtii kennuu fi ergama isaanii itti aanu sadarkaa olaanaadhaan akka itti fufan jajjabeessuu ta’uun ibsameera.

Akkasumas, badhaadhina Itoophiyaa dhugoomsuuf tattaaffii biyyaalessaa taasifamaa jiru keessatti gahee dhaabbilee kanaa, bu’aawwan argamaa jiran akkasumas muuxannoowwan gaarii irratti mariin gaggeeffameera.

Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii kunneen adeemsa ijaarsa biyyaarratti faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kabachiisuu, nageenya cimsuu fi ol’aantummaa biyyaalessaa eegsisuu keessatti hojiiwwan boonsaa raawwachaa jiranis saganticharratti yaadatamaniiru.

Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyoo Tashaagaar yeroo kanatti akka jedhanitti, Itoophiyaan qormaatilee garagaraa cichoominaan keessa darbuun injifannoowwan boonsaa galmeessaa jirti.

Filannoo Waliigalaa marsaa torbaffaa milkaa’inaan gaggeeffamuu isaa kan yaadachiisan Af-yaa’iin kun, ijaarsi Hidha Guddicha Haaromsaa Itoophiyaa fi adeemsi marii biyyaalessaa karaa bu’a qabeessa ta’een xumuramuun isaanii agarsiistota cichoomina Itoophiyaanotaa ta’uu ibsaniiru.

Dabalataan, gaaffii abbummaa hulaa galaanaa deebisuuf tattaaffiin dipilomaasii jalqabame, agarsiistuu imala cichoominaa Itoophiyaa kan biraa ta’uu eeraniiru.

Haa ta’u malee, imalli guddinaa fi badhaadhinaa biyyaalessaa kun akka hin milkoofneef qaamoleen keessaa fi alaa hojjetan jiraachuu eeruun, sochiiwwan akkanaa ittisuuf tokkummaa biyyaalessaa hin raafamne, waliigaltee cimaa biyyaalessaa fi walitti dhufeenya hawaasaa uumuun murteessaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Dhaloonni har’aa biyya abbootiin keenya wareegama kaffaluun tursiisan cichoominaan eeguun, dhaloota itti aanuuf dabarsuuf itti-gaafatamummaa guddaa akka qabuus hubachiisaniiru.

Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii immoo biyya cimsuu fi nageenya ishee mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa taphachaa akka jiran ibsaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015