Tamsaasa Kallatti:

Cichoominaa fi Itoophiyummaan Wal-irraa adda hin ba’an

Qaammee 03/2018 (ENA): Qormaatilee hedduun Itoophiyaa seenaa ishee keessatti dabarsite fi ciminni biyya baraaruu eenyummaa uummata Itoophiyaa waliin kan wal-irraa adda hin bane ta'uu miseensonni Rayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Izziin gidduugaleessaa Daalol beeksisan.

Magaalaa Jimmaatti Qaammee3 "Guyyaa Cichoominaa" sababeeffachuun sagantaaleen adda addaa gaggeeffamaa jiru.

Sagantaa kana irratti hogganoonni fi miseensonni Waraana Iizzii gidduugaleessaa Daalol, Kantiibaan Magaalaa Jimmaa, bakka bu'oonni dhaabbilee nageenyaa fi keessummoonni affeeramani biroon argamaniiru.

Itti gaafatamaan Ijaarsa Xiinsammuu gidduugala Iizzii Daalol Leetanaal Koloneel Argaawu Laggasaa, cichoominnii fi Itoophiyummaan kan wal-irraa adda hin baane ta’uu, uummatti Itoophiyaa ciminaa fi mo'atummaadhaan har'as biyya isaatiif dhaabbachuu isaa ibsaniiru.

Cichoominni yaadni jedhu jabaachuu, yeroo rakkoo danda'anii mo'achuu fi amaanaa kennameef kutannoodhaan dhaabbachuu kan gaafatu ta'uu ibsuun; Rayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa biyya fi uummata isaatiif aarsaa kan kafalu, nagaa fi nageenya uummataa kutannoodhaan kan eegu tajaajilaa uummataa ta'uu dubbataniiru.

Leetanaal Koloneel Argaawu akka jedhanitti, Rayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa diina biyyaa fi uummata yaaddessu duubatti deebisuuf Loltuu jabaa kutannoodhaan kan qolatu ta’uu ibsaniiru.

Miseensonni Rayyaa Ittisa Biyyaa Iizzi gidduugaleessa Daalol Shaambal Fitsum Bisiraatii fi Shaambal Engidawu Taaddasaa akka jedhanitti, Itoophiyummaan cichoomina hin sarmine ta’uu ibsaniiru.

Biyya abbootiin keenya dhiiga isaaniitiin eeganii nuuf dabarsan, Rayyaan Ittisa Biyyaa dhiiga isaatiin eegee kan ittifuufsiisu ta'uu dubbataniiru.

Haaluma walfakatuun, miseensonni Iizzii giddugala kanaa Siiniyer Waaraant Ofiseer Ahimad Abdallaa fi Ajajaa dhibbaa Yooseef Gurbiyaawu, Rayyaan Ittisa Biyyaa har'as teeknoolojii gahaadhaan deeggaramee dhaabbannaa jabaa irratti kan argamu ta'uu ibsuun, miseensa waraana kanaa ta'uun baay'ee kan nama boonsudha jedhaniiru.

Miseensonni Loltuu gidduugala Iizzii kanaa ENA'f akka ibsanitti, cichoomina jechuun biyya fi uummataaf amanamummaadhaan dhaabbachuu fi aarsaa ta'uudha; biyyaaf lubbuu kafaluun Rayyaa Ittisa Biyyaatiif boonsa guddaadha.

Nagaa fi tokkummaa Itoophiyaa eegsisuuf kutannoodhaan hojjechuu keenya itti fuufna jedhaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar sagantaa kana irratti argamuun akka jedhanitti, Itoophiyaan waggoota hedduudhaaf qormaata keessa kan dabarsite ta'us, aarsaa ijoollee isheetiin jabaattee har'as mo'atummaadhaan dhaabbatteetti jechuun ibsaniiru.

Obbo Xahaan  dabalataan akka ibsanitti, Rayyaan Ittisa Biyyaa olaantummaa Itoophiyaatiif har'as aarsaa kafaluudhaan biyya fi uummata eegaa, biyya ceesisaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015