Korporeeshiniin manneen federaalaa ijaarsa dukkaanota kuma 2 fi 500 olii eegalchiise - ENA Afaan Oromoo
Korporeeshiniin manneen federaalaa ijaarsa dukkaanota kuma 2 fi 500 olii eegalchiise
Qaam’ee 3/2018 (ENA)- Korporeeshiniin manneen federaalaa ijaarsa dukkaanota kuma 2 fi 500 olii har’a eegalchiiseera.
Hojii raawwachiisaan olaanaa korporeeshinichaa Dr. Rashaad Kamaal wayita kana, riifoormii hojjetameen dhaabbatichi haala rakkisaa garagaraa keessaa bahuudhaan gara boqonnaa bu’a qabeessaatti cehuusaa ibsaniiru.
Dhaabbatichi bu’aa argatu dacha 42’n guddisuu isaa fi guyyaa har’aa ijaarsa dikkaanota kuma 2 fi 500 olii eegalchiisuusaa dubbataniiru.
Ijaarsi guyyaa har’aa eegalame baasii birria biiliyoona 4 tuqaa 3’n tumsa misoomsitootaan kan ijaaramu yoo ta’u gamoo abbaa darbii jahaa fi bakka konkolaataan dhaabatu, bakkeewwan bashannanaa ammayyaa dukkaanota waliin kan qabatedha.
Dukkaanonni kireeffattoota buleeyyii dabalatee namoota misoomaaf jecha ka’an 230’f namoota biroof carraa akka uumuuf beeksisaniiru.
Korporeeshinichi wagga tokko keessatti gamoowwan kudhan xumuruuf karoorfachuusaa fi ijaarsonni namoota kuma 10 ta’aniif carraa hojii uumaan ijaaramaa jiraachuu kaasaniiru.
Gama biraatiin korporeeshiniin maneen federaalaa dukkaanota Markaatootti ijaarsise 399 har’a eebbisiiseera.