Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii hojiilee qabatamaa raawwataniin fakkeenya cichoominaa ta’aniiru - ENA Afaan Oromoo
Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii hojiilee qabatamaa raawwataniin fakkeenya cichoominaa ta’aniiru
Qaam’ee 3/2018 (ENA)- Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii hojiilee qabatamaa raawwataniin fakkeenya cichoominaa ta’uusaanii ajajaan itti aanaa qajeelcha walii galaa ittisa yakkaa poolisii federaalaa Itiyoophiyaa komishinar jeneraal Malaakuu Faantaa ibsan.
Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii Qaam’ee 3 guyyaa cichoominaa yaadannoo injifannoo Adwaatti sagantaalee garagaraan kabajamaa jiru.
Ajajaan itti aanaa qajeelcha walii galaa ittisa yakkaa poolisii federaalaa Itiyoophiyaa komishinar jeneraal Malaakuu Faantaa wayita kana akka jedhanitti, dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii hojii bu’a qabeessa hojjetaniin fakkeenya cichoominaa ta’aniiru.
Guyyaan kun Itiyoophiyaan gara boqonnaa bayyanachuutti cehuushee kan agarsiisu ta’uu dabalanii dubbataniiru.
Raayyaan ittisa biyyaa, poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa, tajaajilli odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa, bulchiinsi nageenya neetwoorkii odeeffannoo (INSA) fi inistiitiyuutiin hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa fayidaa ummataa fi biyyaa gama kabachiisuutiin hojiilee bu’a qabeessa hojjetaniiru jedhaniiru.
Gaachana biyyaa fi fakkeenya cichoominaa ta’uudhaan akkasumas dameesaaniitiin hojiilee bu’a qabeessa hojjechuudhaan gumaacha olaanaa biyyaaf gumaachuusaanii eeraniiru.
Guyyaan kun boqonnaa seenaa guddaa bu’aa caaluuf waadaa kan itti galamu ta’uu ibsaniiru.