Ciminni waadaa Misoomaa, duudhaawwan jiraachuu fi jiraachuu dhabuu keenya itti fufsiisuun aarsaa kanfallu kutannoo hin sarbamne dha- Pireesidaanti Ordiin Badirii - ENA Afaan Oromoo
Ciminni waadaa Misoomaa, duudhaawwan jiraachuu fi jiraachuu dhabuu keenya itti fufsiisuun aarsaa kanfallu kutannoo hin sarbamne dha- Pireesidaanti Ordiin Badirii
Qaammee 3/2018 (ENA): Ciminni waadaa Misoomaa, duudhaawwan jiraachuu fi jiraachuu dhabuu keenya itti fufsiisuun aarsaa kanfallu kutannoo hin sarbamne dha jedhan Pireesidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badirii.
Naannoo Harariitti Qaammeen 3 Guyyaan Cichoominaa kabajameera.
Sagantaa kana irratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, miseensonni raayyaa ittisaa fi humnoonni nageenyaa biroo, abbootiin amantaa, maanguddoonnii fi kanneen biroo argamaniiru.
Milkaa'ina har'a arganne kanaaf iccitiin guddaan qormaata adda addaa keessa osoo jirruu ciminaan hojjechuu fi qabsaa'uudha jedhan Ordiin Badiriin.
Injifannoo fi bu’aa ba’ii gurguddaa galmeessisuun fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessuu dandeenyeerra jedhan.
Akkasumas ciminni safartuu kutannoo hin sarbamne kan duudhaawwan misoomaa, jiraachuu fi abbaa biyyummaa birmadummaa keenya eeguuf gatii kaffalamu ta’uu dubbataniiru.
Rakkoolee nu mudatan irraa baqachuu osoo hin taane, hamileedhaan fudhannee dandeettii gara balbala carraa haaraatti ce'uu horachuu keenyatu kanaan nu gahe jedhan.
Hojii ijaarsa sabaa obbolummaa , akkasumas tokkummaa fi waliin jireenyaa jalqabne itti fufuu qabnas jedhaniiru.
Itiyoophiyaa wareegamaa fi gootummaa abbootii keenyaatiin kabajamte cimsuu itti fufna kan jedhan immoo humnoota nageenyaa saganticha irratti argamanidha.
Hojii misoomaa fi bulchiinsa gaarii nageenyaa cimsuun eegalame cimsuun gahee keenya ni bahanna jedhaniiru.