Biyya abbootiin keenya nu dhaalchisan kabajashee waliin dhalootaaf dabarsuuf cichoominaan ni dhaabanna-miseensota raayyaa ittisa biyyaa - ENA Afaan Oromoo
Biyya abbootiin keenya nu dhaalchisan kabajashee waliin dhalootaaf dabarsuuf cichoominaan ni dhaabanna-miseensota raayyaa ittisa biyyaa
Qaam’ee 3/2018 (ENA) - Biyya abbootiin keenya aarsaadhaan nu dhaalchisan kabajashee waliin dhalootaaf dabarsuuf cichoominaan ni dhaabanna jedhan raayyaa ittisa biyyaatti miseensonni izzii bahaa.
Qaam’ee 3 guyyaan cichoominaa guutuu biyyaatti qophiilee garagaraan kabajamaa jira.
ENA’n guyyaa kana ilaalchisuun raayyaa ittisa biyyaatti miseensota izzii bahaa dubbiseera.
Miseensonni raayyaa kunneen cichoomuun aarsaa biyyaa fi ummata ceesisuuf kaffalamu ta’uu ibsuun, biyya abbootiin keenya nu dhaalchisan kabajashee waliin dhalootaaf dabarsuuf cichoominaan ni dhaabanna jedhaniiru.
Miseensota raayyaa keessaa Letenaal Koloneel Fayyisaa Badhaadhaa aarsaa abbootiin keenya weerartuu alaa fi baandaa keessaaf osoo hin jilbeeffatiin kaffalaniin biyya daangaanshee fi tokkummaan ummatashee kabajame nuuf dabarsaniiru jedhan.
Gootummaan kun “fakkeenya cichoominaati” kan jedhan Letenaal Koloneel Fayyisaan, yeroo ammaa raayyaan ittisaa cichoominaan daangaa biyyasaa kabachiisaa jiraachuu beeksisaniiru.
Biyyi nuti qabnu tokkodha isheenis Itiyoophiyaadha kan jedhan diina biyya keessaa fi biyya alaaf osoo hin jilbeeffatiin biyya wal harkaa fudhinsa seenaatiin fudhatte eenee fi cimsinee dhaloota dhufuuf ni dabarsina jedhaniiru.
Guyyaan cichoominaa biyyattiitti Kabajamuunsaa keessumaa raayyaa ittisaatiif hiika guddaa kan qabu ta’uunsaa ibsameera.