Sirni gaggeessaa Artistiifi Qabsooftuu Ilfinash Qannoo Istaadiyeemii Finfinneetti raawwatame - ENA Afaan Oromoo
Sirni gaggeessaa Artistiifi Qabsooftuu Ilfinash Qannoo Istaadiyeemii Finfinneetti raawwatame
Qaammee 3/2018 (ENA) Sirni gaggeessaa Artistiifi Qabsooftuu Ilfinash Qannoo Istaadiyeemii Finfinneetti bakka jaallattoonni,dinqisiifattoonni Aartiifi kutaan hawaasa adda addaa argamanitti raawwatameera.
Bara 1954 Godina Wallagga Bahaa Aanaa Guutoo Giddaatti kan dhalatte artisti Ilfinash Qannoo, ijoollummaa isheerraa jalqabee gootummaan kan guutamte yoo ta'u, fedhiifi dandeettii gama aartiin qabdu milkeessuuf Hawwisoo Guddattuu Wallaggaatti makamte.
Hawwisoo Guddattuu Wallaggaa keessattis gootummaafi dandeetti qabdu mul'isuun urjii taatee mul'atte.
Boodarras gara Finfinnee dhufuun bara dukkanaa sanitti lubbuu qaalii osoo hin qusatin sagalee ishee kiiloleen uummata Oromoof sagalee ta'uu hanga qabsoo hidhannootti gaggeessuun fakkeenya cichoominaa dhalootaaf taatee jirti.
Qabsoo gaggeessaa turte kana keessattis hidhaafi dararaa hedduu kan dabarsite, artisti Ilfinesh Qannoo bara jireenya ishee keessatti tokkummaa Oromoo lallabuun dungoo bara dukkanaa taatee ofiif gubattee uummata Oromoof iftee jiraatte.
Artisti Ilfinesh Qannoo albaama 10 ol hojjachuun uummata biraan kan geesse yommuu ta'u, sirboonni ishee kunis tokkummaa Oromoo kan itichaniifi qabsoo Oromoo fuulduratti kan tarkaanfachiisaniidha.
Artisti Ilfinesh ijoollee dubaraa 2 deessee kan qabdu yommuu ta'u ijoollee 2 immoo guddistee kan qabdu akkasumas haadha Oromoo maraa ta'uu seenaan ishee ni mul'isa.
Artisti Ilfinesh Qannoo Qaammee 01 bara 2018 umrii ishee waggaa 64'tti du'aan addunyaa kanarraa kan adda baate yoo ta'u, yeroo lubbuun jirtu 'Reeffi koo tokkummaa Oromoo akka itichuuf yoon du'e Ambootti na awwaalladhaa, ta'uu baannaan cabbii biyya Noorwayyeetti na awwaalaa'' jettee waan dhaammatteef sirni awwaalcha ishee Magaalaa Ambootti raawwatama.
Guyyaa har'aas sirni gaggeessaa artisti Ilfinesh Qannoo handhuura Oromiyaa Istaadiyeemii Finfinneetti bakka angawoonni mootummaa Federaalaafi Naannoo Oromiyaa, maatiin, firoonni, dinqisiifattoonni isheefi uummanni Oromoo kutaalee Oromiyaa garaagaraa argamanitti raawwatameera . Sirni awwaalchaas Magaalaa Ambootti akka raawwatamu odeeffannoon BKO irraa argame mul’isa.