Qaammee 3 : Guyyaa Cichoominaa! - ENA Afaan Oromoo
Qaammee 3 : Guyyaa Cichoominaa!
Qaammee 3/2018(ENA):Cichoominni bu’uura biyyi tokko qormaata muudatu dandamattee nageenya ishee tikfachuun gara guddinaafi badhaadhinaatti tarkaanfattudha.
Kunis tokkummaa uummataa, jabina dhaabbilee mootummaa, dandeettii qaamolee nageenyaa, miira aantummaa biyyaa fi fedhii biyyaaf wareegama kaffalamuun madaalama.
Akka biyyaafi naannoo keenyatti waggoottan muraasa darban keessa riifoormii dhaabbilee nageenyaa taasifamaa tureen dandeettii qaamolee nageenyaa cimuun
birmadummaa biyyaa fi nageenya lammiilee tiksuuf hojii guddaan hojjetamaa jira.
Riifoormii kanaan hidhannoon teeknooloojii, meeshaalee ammayyaa, leenjii fi ogummaa akkasumas naamusni dhaabbilee nageenyaa keessatti akka jijjiiramu ta'ee jira.
Kunis dandeettii waraana lafoo, qilleensaa fi galaanaa horachuun birmadummaa biyya keenyaa kabachiisuuf gahumsa olaanaa uumeera.
Jijjiiramni Raayyaan Ittisa Biyyaa, Poolisiin Federaalaa fi qaamolee nageenyaa biroo keessatti dhufes dandeettii raawwachiisummaafi loltummaa isaanii cimsuun Baandaafi Baadaa birmadummaa, daangaa fi nageenya biyyaalessaa sarbuu barbaadu dandeettii olaanaan qolachuun biyya keenya gatii qaaliidhaan itti fufsiisaa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas gama isaatiin nageenya naannichaa fi tasgabbii biyyaalessaa mirkaneessuuf dandeettii raawwachiisummaa Poolisii Oromiyaa sadarkaa olanaan cimsee jira. Gaachana Sirnaa fi ijaarsa milishaa raawwachuunis uummata waliin qindoominaan hojjechaa jira.
Kunis uummatni nagaan bahee nagaan akka galu, nageenyi naannoo fi biyyaa akka tikfamu, akkasumas Baandaafi Baadaa nageenya biyyaa jeequu fi birmadummaa sarbuu barbaadu qolachuun iimala olka'iinsa Itoophiyaa milkeessuu keessatti gahee isaa sadarkaa olaanaan bahachaa jira jedhe BKO.