Tamsaasa Kallatti:

Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii guyyaa cichoomaa kabajaa jiru

Qaam’ee  3/2018(ENA)- Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii sagantaalee garagaraatiin guyyaa cichoomaa kabajaa jiru.

Guyyaan kun mata duree “cichoominni bayyanachuu Itiyoophiyaa” jedhuun yaadannoo injifannoo Adwaatti kabajamaa jira.

Hojiileen raayyaan ittisaa, poolisii federaalaa Itiyoophiyaa, tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa, bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo akkasumas inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa waltajjii Kanaan niyaadatamu.

Kaayyoon ijoon guyyaan kun kabajamuuf dhaabbileen kunneen bayyanachuu biyyaaf hojii damee garagaraan hojjechaa jiraniif beekamtii kennuu fi egamoota itti aanan sadarkaa olaanaan itti fufsiisuuf ta’uun ibsameera.

Tumsa biyyaalessaa badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf taasifamurratti qoodni dhaabbilee kunneenii, bu’aaleen argamaa jiranii fi muuxannoo garagaraa ilaalchisee waltajjii kanarratti mariin ni taasifama.

Hojiileen dhaabbileen kunneen ijaarsa biyyaa, kabajamuu faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa, nageenya cimsuu fi birmadummaa biyyaa gama kabachiisuutiin hojjetan ni kaafamu.

Af-yaa’iin mana maree federeeshinii obbo Aganyoo Tashaagar, komishinariin olaanaa komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa piroofeesar Masfin Ar’ayaa, akkasumas hoggantoonni olaanoon nageenyaa fi tasgabbii sagantaa kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015