Magaalaa Shaggaritti Qaammee 3 Guyyaan cichoominaa sagantaawwan garagaraan kabajamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Shaggaritti Qaammee 3 Guyyaan cichoominaa sagantaawwan garagaraan kabajamaa jira
Qaammee 3/2018 (ENA): Magaalaa Shaggaritti Qaammee3 guyyaan cichoominaa sagantaawwan agarsiisaa loltummaa garagaraan kabajamaa jira.
Saganticharratti Kantiibaa Magaalaa Shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa Itiyoophiyaan biyya wareegama, tokkummaafi cichoomina goototaan ijaaramte ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan biyya wareegama qaqqaaliifi tokkummaa goototaan ijaaramuun fakkeenya birmadummaa Afriikaanotaa ta'uun beekamtudha.
Mootummaan Badhaadhinaas birmadummaa wareegamaafi tokkummaa goototaan biyyi keenya gonfatte kabachiisuufi ittifufsiisuuf qaamolee nageenyaa humneessuun Ijaarsa biyya jabduu mirkaneessuun danda'amera.
Magaalaa Shaggaritti Qaammee3 guyyaan cichoominaa sagantaawwan agarsiisa garagaraan kabajameera.
Sagantichi bakka hooggantootni sadarkaan jiran bakka argamanitti agarsiisa garagaraan kutaa Magaalaa Sabbataatti kabajameera.
Kana malees cichoominni madda birmadummaafi bu'uura jijjiirama biyyaa ta'uu kan himan Dr.Tashoomaan Mootummaan Badhaadhinaas Uummata keessaa dhalachuun imaanaa Uummataafi birmadummaa biyyaa kan mirkaneesse ta'uus eeraniiru.
Sagantaa kana irrattis caasaaleefi miseensotni qaamolee nageenyaa argamaniiru.