Tamsaasa Kallatti:

Guyyaa jalqabaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara dorgommii haaraattti

‎Qaammee 3/2018(ENA): Dorgommiiwwan kubbaa miilaa addunyaa gurguddoo keessaa tokko kan ta'e Shaampiyoonsi Liigiin Awurooppaa turtii ji'ootaa booda har'a eegalama.

‎Dorgommichi bifa haaraan gaggeeffamuu erga jalqabee kun bara dorgommii 3ffaadha.

‎Dorgommichaan har'a taphoonni jaha yoo taphataman, galgala sa'aatii 4:00tti taphni Riyaal Maadriid, Intarmiilaan waliin Saantiyaagoo Barnaabaawoo irratti taphatu xiyyeeffannoo argateera.

‎Shaampiyoonaan dorgommichaa yeroo 15'n Riyaal Maadriid, waggoota lamaan darban waancaa irraa fagaatee turus, kilabicha irra deebiin leenjisummaan kan fudhatan Joosee Mooriinoo fi kilabichatti kan makame taphataa akka Kiliyaan Mbaappeefaa qabatee bara dorgommichaa eegaleera.

‎Shaampiyoonii Awurooppaa yeroo 3 kan ta'e Intarmiilaan dorgommii baraa haaraa Seeri ‘A’ Itaaliitiin taphoota jalqabaa sadi injifachuu danda'eera.

‎Shaampiyoonsi Liigiin waancaa isaa jalqabaa kan fudhate garuu waggoota 16 dura akka lakkoofsa awurooppaa bara 2010 Leenjisaa Riyaal Maadriid ammaa Joosee Moriinoon wayita durfamu ture.

‎Dorgommii Shaampiyoons Liigii kanaan Maanchester Siitiin gara Istaadiyoo De Diraagaawoo imaluun sa'aatii 4tti Poortoo waliin taphata.

‎Kana malees Astoviilaan sa'aatii 1:45tti gara Siwiizarlaandi imaluun Kilab Biruuzhin waliin yoo taphatu, galgala sa'aatii 4:00tti Boruushiyaa Doortimundi ammoo Viyaariyaal keessummeessa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015