Guyyaan Cichoominaa akka naanoo Oromiyaatti magaalaa Bishooftuu Istaadiyeemii Bishooftuutti sirna adda addaa fi agarsiisa Raayyaa Ittisa Biyyaan kabajamaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Guyyaan Cichoominaa akka naanoo Oromiyaatti magaalaa Bishooftuu Istaadiyeemii Bishooftuutti sirna adda addaa fi agarsiisa Raayyaa Ittisa Biyyaan kabajamaa jira.
Qaammee 3/2018 (ENA): Guyyaan Cichoominaa akka naanoo Oromiyaatti magaalaa Bishooftuu Istaadiyeemii Bishooftuutti sirna adda addaa fi agarsiisa Raayyaa Ittisa Biyyaan kabajamaa jira.
Guyyoonni Qaammee waggaa waggaan Itiyoophiyaa keessatti kabajaman, duudhaalee biyyaalessaa fi ummataa adda addaa, akkasumas imala ciminaa fi guddinaa ishee yaadachuu fi itti fufsiisuuf kan kabajamanidha.
Guyyaan Cichoominaa akka naannoo Oromiyaatti Istaadiyeemii Bishooftuutti kabajamaa jiru kun imala naannichi gara nageenyaa fi bulchiinsa gaarii, tokkummaa ummataa, cimina misoomaa kan calaqqisiisu ta'uus hubatameera.
Sirna kana irratti Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya Mootummaa Naannoo Oromiyaa Komishinar Araarsaa Mardaasaa , Abbaan Alangaa Waliigalaa Oromiyaa obbo Guyyoo Waariyoo, Pireezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Geezaalii Abbaasimal fi Kantiibaa Magaalaan Bishooftuu obbo Alamaaayyoo Asaffaa, akkasumas hoggantoonni olaanoo mootummaa naannoo fi jiraattonni magaalichaa argamaniiru.
Sagantaa kabaja Guyyaa Cichoominaa kana irratti agarsiisni Raayyaan Ittisa Biyyaa fi Poolisiin Oromiyaa dhiyeesse ayyaanichaaf simboo addaa kenneera.