Tamsaasa Kallatti:

Cichoominni kaleessas har’as eenyummaa Itiyoophiyaanotaati-Tajaajila komunikeeshinii mootummaa

Baga Qaam’ee 3 guyyaa cichoominaan isin gahe, nugahe!

Cichoominni kaleessas har’as eenyummaa Itiyoophiyaanotaati. Itiyoophiyaan lafee fi dhiiga Itiyoophiyaanotaatiin kan har’a geese madda boonsaa fi kabajaati. Kanaafi kaleessarraa amma har’aatti haleellaa kallattii kamirraayyuu, humna kamiinuu aggaamaman hunda gootummaadhaan qolachuun, biyya bilisaa fi birmaduu dhalootaaf dabarsuun kan danda’ame.

Qaam’ee 3 moggaasa guyyaa cichoominaa jedhuun kan kabajnu gootota birmadummaa Itiyoophiyaa bara hedduuf itti fufsiisaniif beekamtii kennuu, gootota har’aa jajjabeessuu fi gootota boruu uumuufi. Itiyoophiyaa adda waraanaa lafoo, qilleensaa, galaanaa fi Saayibariitiin birmadummaashee kan mirkaneessan gootota cimoo horatteetti.

Itiyoophiyaan seenaashee sirna mootummaa adda duree addunyaaf karaa saaqeen tuttuqaa diinaarraa yeroon itti walaboomte hin turre. Irreenshee yemmuu cimu sodaatamtee fi kabajamtee, kan dadhabe yemmuu fakkaate ammoo haleellaaf saaxilamtee beekti.

Ijoolleenshee birmadummaa Itiyoophiyaaf aarsaa kaffalan ያyoomiyyuu sodaatamtee fi kabajamtee akka jiraattu xiyyeeffannoodhaan ishee eegu. Shirrii fi tuttuqaan diinotashee caalaatti ishee cimsaa fi gootummaashee caalaa baase malee birmadummaashee gaaffii keessa galchee hin beeku.

Itiyoophiyaanonni waloomaan Itiyoophiyaa eeguuf yeroo yerootti beekumsa loltummaa horatanii, ofirra darbanii bilisummaa kanneen birootiif aarsaa kaffalaa bara kanarra gahaniiru. Namooma, naamusa loltummaa fi leenjii ga’aa horataniiru. Diinni osoo tuttuqaatti hin galiin irra deddeebi’ee akka itti yaadu kan dirqisiisu misoomni namoomaa fi dandeettiin teknooloojii uumameera.

Raayyaan adda waraanaa hundatti ijaarame gufuu karoora badhaadhinaa dura dhaabbachuuf raafamu hunda qulqulleessuu, biyya walabaa fudhate walabummaadhaan dhaloota dhufuuf kennuu, Itiyoophiyaan fedhiishee hunda daangaashee keessatti walabummaadhaan raawwachuuf humna akka qabaattu deeggaruuf ergama kan qabatedha.

Diinonni Itiyoophiyaa diiguuf fedhan turaniiru, ni jiraatus. Garuummoo dandeettiin raawwachuu raayyaa keenyaa guddachuunsaa, xiin-sammuu mo’achuu ittiin ijaaramee fi teknooloojii ammayyaa hidhateen akkasumas marii biyyaalessaa hammataa gaggeeffameen ulaan dallansuu baandota ergamtootaa duuduunsaa humni raawwachuu diinaa yaadarra akka hin darbine ta’eera.

Itiyoophiyaan yeroo ammaa biyya kanneen komii siyaasaa qaban hundi dallananii bosona kan diinni kan itti fayyadamu miti. Itiyoophiyaan har’a waan nama hawatu ijaaraa, haqa waloorratti kan cichite, raayyaa ummataa dam- daneessummaa faaya godhatte kan qabdu, Fakkeenya badhaadhinaa biyya Afriikaa ta’uuf gara olaanaatti furguggifamaa kan jirtudha. Dhaabbata humna qilleensaa, humna galaanaa fi Saayibarii gufuu imala kanarraa ishee gufachiisuu barbaadu hundi irra deddeebi’ee akka itti yaadu godhu ijaarteetti.

Har’a guyyaa cichoomaa yemmuu kabajnu birmadummaa fi bilisummaa Itiyoophyaa kabachiisuuf, nageenyii fi tasgabbiin ummattootashee akka mirkanaa’u gootota aarsaa kan kaffalanii fi kaffalaa jiran kabajuudhaan fi ashaaraasaanii cimsuun itti fufsiisuuf wadaa galuuni.

Qaam’ee 3 bara 2018

Tajaajila komunikeeshinii mootummaa FDRI

Finfinnee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015