Tamsaasa Kallatti:

Ilfinesh Qannoo: Sagalee Aartiin Tokkummaa Oromoo Leelliste!

Qaammee 3/2018

Artisti Ilfineesh Qannoo Yeroo Oromummaan dhiibamaa, aadaa fi eenyummaan Oromoo doorsifamaa turetti sagalee ishee artiin dhageessisuun dhalootaaf ergaa jabaa dabarsaa turte.

Gootittiin kun dhukkuba isheerraa bayyaanachuu dadhabuun Qaammee 01, bara 2018 addunyaa kanarraa du’aan boqotte.

Gaggeessaan reeffa gootittii kanaas guyyaa har’aa ganama sa'aatii 2:00 irraa eegalee Finfinnee, Istaadiyeemii Finfinneetti bakka dinqisiifattoonniifi hawaasni Oromoo bakka garaagaraa irraa dhufan argamanitti kan raawwatamu yoo ta’u, Magaalaa Ambootti immoo sirni awwaalchaa ni raawwatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015