Qaammee 2 guyyaa olka’insaa sababeeffachuun mariin paanaalii gaggeeffame - ENA Afaan Oromoo
Qaammee 2 guyyaa olka’insaa sababeeffachuun mariin paanaalii gaggeeffame
Qaammee 2/2018 (ENA) : Magaalaa Shaggar kutaa malaagaa Malkaa Noonnootti Qaammee 2 guyyaa olka’insaa sababeeffachuun mariin paanaalii gaggeeffameera.
Saganticharratti guyyaan olka'insaa Qaammee 2 mata duree "Milkaa'inni har'aa bu'uura Olka'insa boruu fi Badhaadhina hunda-galeessaf" jedhuun Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti marii paanaaliin fi daawwaannaa hojii Pirojektoota garaa garaan yaadatamee ooleera.
Guyyaan Olka'insaa kun guyyaa injifannoo aragme labsaa, imala jijjiiramaa Badhaadhina hunda-galeessa dhugoomsuuf eegalame milkeessuuf lammiilee biyya keenyaa waadaa itti galanidha.
Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu saganticha irratti akka ibsanitti, biyyi keenya seenaa maraammartoo hiyyummaa keessa turte hooggansa tarsiimo'aan barii jijjiiramaa irraa eegalee waggootta muraasa keessatti milkaa’inoota gurguddoo akka biyyaatti galmeessuun kan danda'ame ta'uu eeraniiru.
Milkaa'inni argamanis xombora injifannoo kan ta'e xumuramuu hidha haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa, daandiiwwan Asfaaltii, misooma Turizimiitiin akka biyyaatti bu'aa olaanaan aragamuu kaasanii, ijaarsa Buufata Xiyyaara idil-Addunyaa jalqabames bu'aa Mootummaa paartii badhaadhinaan kan argameefi olka'insa biyyaa keenyaa kan dhugoomsu ta'uu himaniiru.
Itti aanaa Kantiibaa Magaalaa Shaggariifi Qindeessaa Kilaastera Dinagdee Obbo Guyyoo Galgaloo, Sagantaa marii gaggeeffamee kanarratti akka ibsanitti imala jijjiiramaa eegalame dhugoomsuuf kalaqaafi tekinooloojii jajjabeessuun bu'uura industirii gurguddaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessan ijaaruuf gargaara jedhaniiru.
Guyyicha marii paanaaliin booda daawwanaa hojii piroojektoota garaa garaa daawwachuun yaadatamee ooluusaa odeeffannoo Komunikeeshinii magaalichaarraa argame mul’isa.