Tamsaasa Kallatti:

Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf furmaata gama barbaaduutiin qooda adda durummaa bahachuu qabdi-Kilaver Gateetee

Qaam’ee 2/2018 (ENA)- Afriikaan marii fi furmaata jijjiirama haala qilleensaa addunyaa irratti hirmaannaa cimaa bahachuu akka qabdu hojii raawwachiisaa olaanaan komishinii dinagdee Afriikaa Kilaver Gateetee ibsan.

Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa fi misoomaa Afriikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Yaa’iin kun mata duree “roodmaappii abdiirraa gara gochaatti; Yebellem-Antaaliyaa-Finfinnee” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Hojii raawwachiisaa olaanaan komishinii dinagdee Afriikaa Kilaver Gateetee wayita kana akka jedhanitti, gumaachi Afriikaan gadhiisii kaarboonii idil addunyaaf gumaachitu dhibbantaa afur ta’us garuummoo rakkoo guddaa baattee jirti.

Dhugaank un seenaa miidhama Afriikaa ta’ee itti fufuu akka hin qabne dubbatanii Afriikaan dandeettii humna haaromfamaa guddaa, qabeenya albuudaa humna namaa dargaggoo fi gabaa guddachaa dhufutti gargaaramuudhaan sadarkaa idil addunyaatti furmaatilee qiyyaasuudhaan qooda adda duree bahachuu akka qabdu ibsaniiru.

Afriikaan galmoota haala qilleensaa A.L.A amma bara 2030tti qabaman hojiirra oolchuuf wagga waggaan doolaara biiliyoona 277 ishee barbaachisus kan argachaa jirtu dhibbantaa 11 qofa jedhan.

Har’allee Afriikaanonni miiliyoona 600 ol ta’an tajaajila elektiriikii waan hin arganneef humna haaromfamaa babal’isuun bu’ura dinagdee ta’uu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015