Guyyaan Olka’iinsaa naannoo Oromiyaa magaalaa Naqamteetti sagantaa adda addaatiin kabajamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Guyyaan Olka’iinsaa naannoo Oromiyaa magaalaa Naqamteetti sagantaa adda addaatiin kabajamaa jira
Qaammee 2/2018 (ENA): Guyyaan Olka’iinsaa Naannoo Oromiyaa magaalaa Naqamteetti sagantaa adda addaatiin kabajamaa jira.
Qaammee 2, bulchiinsi magaalaa Naqamtee Guyyaa olka’iinsaa kana sochii ispoortii fi sagantaalee adda addaan bakka hoggantoonni naannoo fi magaalaa irratti hirmaataniin kabajaa jira.
Daawwannaan pirojektii misoomaa adda addaa, marii paanaalii fi tajaajilli tola ooltummaas qaama Guyyaa olka’iinsaa kanaati.
Ijaarsi biyyattii deebisanii ijaaruun yaada, hojii fi kutannoo walootiin galma gahuu akka danda'us ibsamee ture.
Kunis bu’aa hojii argame kanaan dura galmaa’e nu yaadachiisuu qofa osoo hin taane, bu’aa argame cimsuun gara fuulduraatti tarkaanfachuuf kutannoodhaan hojjechuuf gargaara jedhameera.
Bu’aa damee diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaatiin argame sadarkaa olaanaatti ceesisuun bu’aa hanga ammaatti argame bu’uura godhachuun imala deebisanii bayyanachuu Itoophiyaa saffisiisuuf sagantaa baname ta’uu ibsameera.