Tamsaasa Kallatti:

Guddina Tuurizimii Itiyoophiyaa

Mootummaan Ida'amuu ergama imaammata haaromsa hawaas-dinagdee Itiyoophiyaa erga hojiirra oolchee kaasee, seektarri Turizimii seektaroota xiyyeeffannoo guddaan kennameef keessaa isa tokkodha. Turizimiin dandeettii Itoophiyaan qabdu keessaa tokko ta'us, kanaan dura haalaan otuu hin misoomiin sagantaalee garaa garaatiin dagatamee turuun gatii malu kan biyyi argachuu qabdu dhabdeeti.

Haata’u malee yeroo ammaa Mootummaan Ida’amuu xiyyeeffannoo damee Tuurizimiif kenneen guddina ajaa’ibaatu galmaa’aa jira.

Mootummaan Ida'amuu Turizimii akka bu'uura dinagdee fi meeshaa bifa biyyaa ijaaru; akkasumas madda carraa hojii uumuutti fudhatee hojjeteen bu’aan olaanaaniifi hojiiwwan gurguddoon seena qabeessa ta’e hojjetamaaniiru.

Guddina seektara turizimii Mootummaa Ida'amuu jalatti raawwataman keessaa ijoon kunooti:


 

1. Misooma Pirojektoota Gurguddoo

Mootummaan Ida’amuu meeshaa guddaa Tuurizimii haaraa uumuuf pirojektoota gurguddoo ijaaruu fi babal'isuu irratti xiyyeeffateera.

  • Pirojektoota Dinagdee Magariisaa:
    • Paarkii Inxooxxoo : Bosona Inxooxxoo isa dagatamee onee ture haaressuunii fi miidhagsuun simboo itti horuun danda’ameera.

    •  
    • Paarkii Tokkummaa fi Michoomaa (Friendship & Unity Parks): Finfinnee keessatti masaraa mootummaa fi naannoo sana gara paarkii uumamaa fi seenaa biyyaa agarsiisutti jijjiiruun bakka gahumsa Tuurizimii magaalaa guddaa uumera.
    • Golambaa Saayinsii Biyyaalessaa : Saayinsii fi teknolojii paarkii haroowwan uumamaa fi arkitakchara ammayyaatiin utubamee turistoota hawwachaa jira.

    •  
  • Inisheetiivii Maaddii Biyyaaf :
    • Inisheetiivii kanaan maallaqa walitti qabameen pirojektoonni turizimii naannolee garaa garaa keessatti ijaaramaniiru:
      • Gorgoraa (Gondar - Naannoo Amhaaraa): Haroo Xaanaatti fayyadamuun bakka bashannana ammayyaa ijaaruun danda’ameera.
      • Koyishaa (Naannoo Kibbaa Lixa Itiyoophiyaatti argama): Hawwata uumamaa fi misooma paarkii giddugaleessa godhatedha.

Laga Oomoo irratti ijaaramuun isaa simboo addaa akka gonfatu isa taasiseera.


 

      • Wancii: Naannoo Oromiyaa Shawaa Kibba Lixaatti argama.

Mootummaan Ida’amuu naannoo Haroo Wancii misoomsuun hawaasa naannoo sanaa fayyadama taasisuun dabalatatti bakka gahumsa turistootaa taasiseera.

Piroojektiin kuni inisheetivii Maaddiin Biyyaaf jalatti hojjetame.

Qonnaan bultoota haala rakkisaa keessa jiraachaa turan gara diinagdee itti fufinsa qabuutti ceesisuun manneen jireenyaa ammayyaan ijaarameefii madda galii isaaniis ta’eera.

2. Turizimii Aadaa, Seenaa fi Uumamaa Haaromsuu

Itiyoophiyaan teessuma lafaa, aadaa fi seenaa uumamaatiin badhaatuu taatus, haalli ijaarsa dhaabbilee Tuurizimii hanqina qaba ture. Mootummaan Ida'amuu garuu kana sirreessuun Hambaaleen dhalootaa dhalootatti akka ce’aniif hojjeteera;kunis madda gahumsa Tuurizimii hawwataa ta’eera:


 

  • Siidaawwan fi Seenaawwan Tursiisuu: Masaraawwan seenaa (Masaraa Mootii Jimmaa Abbaa Jifaar, Masaraa Faasiladas eerun ni danda’ama);
  • kunniinis suphamanii haala hammayyaatiin seenaa isaanii osoo hin gadhiisiin tursiisuudha
  • Bakkeewwan dagatamanii turan haaromsuu: Fakkeenya Holqa soof umar.

3. Misooma Infirastiraakcharaa fi Wal-qunnamtii

  • Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa: Daandiin qilleensaa biyya keessaa fi alaatti balali'insa babal'isuun, dirreewwan balali'insa biyya keessaa (filanoowwan ammayyaa fi buleeyyii haroomsuu) keessattuu bakka turizimii gurguddootti teeknoolojiidhaan deeggaramuun babal’isameera.
  • ‘E-Visa’ fi Viiasan Biyya Seensaa (Visa on Arrival): Sirna viisaa daawwattoota alaa ammayyeessuu fi toora intarnetaatiin akka argatan gochuun odoo sa'aatii muraasa hin fudhatin biyya akka seenan dandeessiseera.

4. Turizimii Konferensii fi Magaalaa (MICE Tourism)


 

Finfinnee magaalaa teessoo Gamtaa Afrikaa fi Koomishiniin Dinagdee Afrikaa ta'uu isheetiin mootummaan turizimii konferensii waltajjiiwwan irratti xiyyeeffateera.

  • Hoteeloota sadarkaa addunyaa (International Brand Hotels) haaraa banuu fi deeggaruun bu’aan olaanaan galmaa’eera.
  • Waltajjiiwwan adda addaa mijeessuun Itiyoophiyaa giddugaleessa Yaa'ii fi Konfiraansii idil Addunyaa gochuun danda’ameera.

5. Guddinni damee Tuurizimii Itiyoophiyaa yeroo ammaa kan osoo hin daangeffamin saffisaan mul'achaa jiru fi diinagdee biyyattii utubaa cimaa ta'ee itti jijjiiramaa jiru dha.

Mootummaan falaasama Ida'amuu hordofuun tuurizimii akka utubaa dinagdee dam-daneessaa shanan keessaa tokko godhee xiyyeeffannoo addaa kenneera.

Milkaa'ina fi guddina damee kanaan galmeeffamaa jiran qabxiilee gurguddoo ,Galii fi Yaa'insa Tuuristootaa dabaluu

  • Tuuristoota Alaa: Waggaa baajataa dhiheenya kana xumurame keessatti daawwattoonni alaa miliyoona 1.4 ol Itiyoophiyaa daawwataniiru. Kunis waggoota darban waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu guddina olaanaa agarsiiseera.
  • Galii Sharafa Alaa: Damee kanaan galiin sharafa alaa doolaara Ameerikaa biliyoona 5.2 ol akka argame Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsuun isaanii ni yaadatama.
  • Tuurizimii Biyya Keessaa: Sosochiidhaan daawwattoonni biyya keessaa miliyoona 50 ol ta'an naannolee garaagaraa daawwachuun dinagdee naannoo kakaasaniiru.
  • Carraa Hojii: Dameen Tuurizimii carraa hojii lammiilee hedduuf uumeera.

#Ena-Afaan -Oromoo #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015