Yaadonni Furmaataa Marii Biyyaalessaa irraa argaman qindaa’aa jiru -Komiishinii Marii Biyyaalessaa - ENA Afaan Oromoo
Yaadonni Furmaataa Marii Biyyaalessaa irraa argaman qindaa’aa jiru -Komiishinii Marii Biyyaalessaa
Qaammee 2/2018 (ENA) : Yaadota furmaataa marii irraa argaman akkaataa gosa gosa isaaniin qindeessaa jiraachuu Komiishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksise.
Komiishinichi ibsa kenneen, yaadota furmaataa marii Biyyaalessaa irraa argaman gosaan qindeessaa jiraachuu himeera.
Komiishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, marii Biyyaalessaa Adoolessa 8 irraa hanga Hagayya 16/ 2018 gaggeeffamaa ture qindeessaa turuun ni yaadatama.
Adeemsa kana keessatti Komiishinichi yaadota hedduu faayidaa biyyaalessaa qaban walitti qabuun qindeessuu danda’eera.
Kunis lammiileen Itiyoophiyaa dhimma biyya isaanii irratti mari’achuuf kutannoo agarsiisan irraa kan madde ta’uu ibseera.
Akka Labsii Lakkoofsa 1265/2014, Keewwata 9(10, 11 fi 12)tiin aangoo fi itti-gaafatamummaa Komiishinichaaf kennameetti, Komishinichi hojiilee hojjetu ibseera:
Ajandaa marii Biyyaalessaa, adeemsa marii, yaadota marii irraa argaman, akkasumas mala yaadonni kun itti hojiirra ooluu danda’an kan ibsu sanada qopheessuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa, qaama raawwachiiftuu fi qaamolee mootummaa dhimmichi ilaallatu biroof ni dhiyeessa;
Sanada kana uummataafis ifa taasisa;
Mootummaan yaadota marii irraa argaman hojiirra oolchuu akka danda’uuf karoora ifaa fi qabatamaa akka qopheessu deeggarsa barbaachisaa ni taasisa;
Raawwii yaadota marii hordofuuf sirna hordoffii ni diriirsa.
Bu’uuruma kanaan, Komishinichi yeroo ammaa yaadota marii Biyyaalessaa irraa argaman gosa gosaan qindeessaa jirachuu hime.
Akka ibsa Komiishinichaatti, itti aansuun yaadawwan dhiyaatan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf ni dhiyeessa.
Sana booda yaadota furmaataa karaa sirrii ta’een uummataaf ifa taasisa.
Dhumarrattis, yaadota qaama raawwachiiftuuf dhiyeessuun hojiirra oolmaa isaanii ni hordofa.