Itoophiyaan abjuu badhaadhina ishee bu'uura jabaa irratti ijaaraa jirti - Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan abjuu badhaadhina ishee bu'uura jabaa irratti ijaaraa jirti - Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa
Qaammee 02/2018(ENA): Itoophiyaan mul'ata badhaadhina ishee bu'uura jabaa irratti ijaaraa jirti jedhe Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa.
Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Qaammee 02 Guyyaa Olka’iinsaa sababeeffachuun ergaa dabarseera.
Ibsi Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa kenne Guutuun isaa akka armaan gadiitti dhiyaateera:
Itoophiyaan karoora badhaadhinaa ishee hundee jabaa irratti ijaarrachaa jirti.
Itoophiyaan imaammataa fi karoora mootummaa Ida’amuutiin hoogganamtee, badhaadhina hunda galeessaaf tattaaffii gochaa jirti. Qormaata yeroo garaagaraatti ishee mudate dandeettii walitti ida’ameen ce’aa, rakkoolee fi qormaata keessaa carraa maddisiisaa, egeree ishee hundee cimaa irratti ijaaruun jabeessaa jirti.
Alaabaa Itoophiyaa waggoota dheeraaf handhuura lafaa irraa hanga Handaara lafaatti balali’aa turte ol kaasuun kan mul’isu, Daandii Qilleensa Itoophiyaa, egeree isaa tilmaama keessa galchuun, bu’uuraalee misoomaa akka Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu fi jijjiirama guddaatti ce’aa jira.
Bakkeewwan hawwata turistii duraaniifi haaraan misoomaa, qaqqabamummaan isaaniis dabalaa jira. Qonnaan keenya rooba irratti hirkannaa irraa bilisa ba’aa, carraa hojii baadiyyaafi magaalaa ta’aa jira.
Mootummaan Ida’amuu filannoowwan humna haaromfamuu danda’an kanneen akka bishaanii, qilleensaa, aduu, ji’oo-teermaalii fi humna niwukilarii fayyadamuuf halkanii fi guyyaa hojjechaa jira.
Magaalotni biyyatti umrii dheeraa tajaajiluun dullooman misoomaan akka haaraatti haaromfamaa jiru.
Bu’uuraaleen misoomaa babal’achaa fi walitti hidhamaa jiru, dandeettiin geejjibaa fi loojistikii cimaa jira; gahee isheen akka wiirtuu humna haaromfamuu danda’u naannichaa qabdu guddachaa jira; qabeenya albuudaa ishee sadarkaa olaanaadhaan fayyadamuun dhaloota dhufuuf badhaadhina hunda galeessaaf hojjechaa jirti.
Hundee jajjaboo kanneen ka’umsa haaromsaa Itoophiyaa labsan, guddina ishee saffisa dabalan irratti ijaaramaa jiru.
Itoophiyaanis sirna kana cimsuu fi fedhii isaanii dhugoomsuuf kutannoo qaban, waamicha mootummaa irratti hirmaannaa isaan taasisaniin ibsaa jiru.
Filannoo Waliigalaa marsaa 7ffaa irratti halkanii fi guyyaa qormaata dandamatanii sagalee isaanii kennuu fi bu’aa isaa gammachuun fudhachuu isaanii, Ashaaraa Magariisaa keessatti waggaa waggaadhaan hirmaannaa fi milkaa’ina isaanii dabalaa, garaagarummaa yaadaa karaa nagaa ta’een furuuf Marii Biyyaalessaa filachuu isaanii,kun hundi Itoophiyaanonni mul’ata mootummaa Ida’amuu irratti abdii waliinii qaban, akkasumas milkaa’ina isaa dhugoomsuuf tattaaffii taasisaa jiran kan agarsiisudha.
Sirna dimokraasii diriirsuun,diinagdee dameewwan hedduu irratti hundaa’e hordofuun; akkaataa jireenyaa ammayyaa magaalotaa gara baadiyyaatti babal’isuun, dhiyeessii humna haaromfamuu danda’u fooyyessuun; bu’uuraalee misoomaa geejjibaa ammayyeessuu fi babal’isuun, badhaadhina hunda galeessa Itoophiyaatiif hundee cimaa kaa’amaa jira.
Kanaafidha Qaammee 02 “Guyyaa Olka’iinsaa” jedhamee moggaafamee kabajamaa kan jiru.
Qaammee 02 Guyyaa Olka’iinsaa
Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa
Finfinnee