Tamsaasa Kallatti:

Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee har’a guyyaa keessaa hanga sa’atii 6:00tti tajaajila geejjibaa bilisaa dhiyeesse

Qaammee 02/2018(ENA): Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee Qaammee 02 Guyyaa olka'iinsaa sababeeffachuun toorota bobbiin Geejjibaa bulchiinsa magaalattii jiru hundatti tajaajila geejjibaa kaffaltii malee akka kennuu beeksiseera.

Tajaajilli geejjiba bilisaa kun ganama sa'aatii 12:00 irraa jalqabee kennamaa kan jiru yoo tahu hanga guyyaa keessaa sa'atii 6:00 tti akka itti fufu Hoogganaan Itti Aanaa Biiroo Geejjibaa Magaalaa Finfinnee Obbo Daanyaachoo Shifarraa ibsaniiru.

Taaksiifi baasiin kuma 1 fi 200 ta'an tajaajila bilisaa kana kennaa jiru jedhan obbo Daanyaachoon.

Tajaajila geejjibaa Finfinneen Qaammee 02 guyyaa olka’iinsaa sababeeffachuun kennitu kanaan imaltootni Miliyoona 1.1 ni fayyadamuun eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015