Ergaa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabarsan- - ENA Afaan Oromoo
Ergaa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabarsan-
Guyyaa Olka'insaa
Itiyoophiyaa Jecha qofaan osoo hin taane milkaa’ina qabatamaan dhaabatte!
Kaleessa “Itiyoophiyaan kaateetti” yemmuu jennu hawwii osoo hin ta’iin haqa har’a qabatamaan mirkaneessinedha! Hidha haaromsaa guddicha irraa eegalee amma misooma kooriidaraa ammayyaa, buufata xiyyaaraa Bishooftuurraa amma riifoormii dinagdee goorootti kaka’umsi biyyaalessaa qabatamaan ragaan bahameeraaf.
Jijjiiramni kun sadarkaa jireenyaa lammiilee keenyaa, magaalota ammayyeessuu fi carraa hojiirratti ifa qabatamaa ta’usaatiin olitti ijoollee keenyaaf abdii boruu kan qabu mul’ata guddaadha. Kana booda duubatti hin deebiny! Imala bayyanachuu eegalleen humna keenya misoomaa caalaatti si’achiisuudhaan bayyanachuu Itiyoophiyaa gara badhaadhina egereetti ni guddifna.