Seenaa keessatti Aadaan Oromoo aadaa dhaabbatee hafe osoo hintaane, yeroo waliin tarkaanfataa ture. pirezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa - ENA Afaan Oromoo
Seenaa keessatti Aadaan Oromoo aadaa dhaabbatee hafe osoo hintaane, yeroo waliin tarkaanfataa ture. pirezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa
Ergaan pirezidaantii Shimallis Fuula miidiyaa hawaasa isaaniin dabarsaa guutuun isaa dubbisa.
๐๐จ๐จ๐ช๐๐ ๐๐ข๐ซ๐ซ๐๐ โ๐๐จ๐จ๐ค๐๐๐ง ๐๐ฎ๐ซ๐๐!
Kunoo, Qeerroon:
โ๐๐ผ๐ผ๐ฏ๐ฒ๐ฒ๐ป ๐๐ผ๐ผ๐ฑ๐ฎ ๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐ฑ๐๐ฟ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ๐ธ๐ผ๐ผ!
๐๐ฎ๐ฏ๐ฏ๐ถ๐น๐ฒ๐ฒ๐ป ๐๐ผ๐ผ๐ณ๐ฎ ๐๐ฎ๐ฟ๐ฟ๐ฎ ๐ก๐ฎ๐ฎ๐ฏ๐ฎ๐ป๐ถ๐ถ!โ jechuun Goobeedhaan;
Qarreen:
โ๐๐๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ ๐ด๐ผ๐ผ๐ณ๐ฎ๐ฟ๐ฒ๐ฒ ๐ด๐ผ๐ผ๐๐ฎ๐ฎ
๐๐ถ๐ฟ๐ฟ๐ฎ๐ฎ๐ป ๐ฏ๐ฎ๐ฟ๐ฎ๐ป๐ฎ๐ฎ ๐ต๐ผ๐ผ๐ฑ๐ฎ๐ฎ!โ jechuun Shinooyyeedhaan booqaa Birraatti bahuu keenya nuyaadachiisaa jiru.
Ummata Oromoo mara, baga ๐๐๐๐ช๐๐ฒ๐ฒ๐จ dachii magariisa, biqilaa daraaraa, qilleensa urgoo, bishaan taaliilafi cooqee qooraa booqaa Birraatiin isin gahe; baga nuun gahe!
Goobeefi Shinooyyeen ayyaanota Birraa waliin hidhata addaa qaban keessa adda dureedha. Goobeen tokkummaa, misooma, jaalalaafi nageenya faarsa; Shinooyyeen ammoo suga Birraa, gootummaa, bareedina umamaafi milkii faarsa. Ce'umsa dukkanarraa ifatti, rakkoorraa qananiitti, adda cituurraa qaaman walarguutti, yaaddorraa nageenyatti taasifamu lallabuun abdii, araaraafi boqonnaa haaraa yaadachiisu. Kanaaf, kabaji kun ayyaana tokko yaadachuu qofa miti. Hariiroo namaafi umamaa, dhaloota harโaafi egeree, akkasumas jireenya hawaasaa haaromsuu of-keessatti hammata.
Seenaa keessatti Aadaan Oromoo aadaa dhaabbatee hafe osoo hintaane, yeroo waliin tarkaanfataa ture. Haataโu malee, dhiibbaa adeemsa seenaa keessatti irra gaheen, dandeettiin madaqummaa seenaa, afaan, aartii, ogummaa, beekumsa xabboo, duudhaa, safuu, laal-addunyaafi eenyummaa isaa laafaa dhufee ture. Haataโu malee, ummanni keenya aadaa isaarratti cichee badiirraa oolchuun isaa gootummaa hedduu dinqisiifamuudha.
Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa imaammata โmisooma aadaaโ haala kana jijjiiruuf oolu bocuun hojiilee baldhaa raawwateera.Imaammanni misooma aadaa kun buโaa jajjabeessaa galmeessiseera. Taโus MNO buโaa hanga yoonaa kaโumsaa olitti hinilaalu. Harโas ammayyummaan: magaalomsuu, addunyaalomsuu, barnoota, teknoolojiifi jijjiiramni dinagdee aadaa keenyarratti dhiibbaa uumuu ittifufeera. Kanaaf, gaaffiileen harโaa โโaadaa keenyarraa kaanee eenyu taana; akkamitti gara egereetti ceena?โ kan jedhusi.โ Buโuuruma kanaan, MNO ๐๐ฎ๐ฎ๐ฟ๐ผ๐บ๐๐ฎ ๐๐ฎ๐ฑ๐ฎ๐ฎ ๐ข๐ฟ๐ผ๐บ๐ผ๐ผ gaaffilee kanniin deebisuuf madaalu labsee hojii eegaleera.
Haaromsi kun aadaa badiirraa oolchuu qofa osoo hintaane, dorgomaa taasisuudha. Humna isaa ganamaa: dandeettii of-haaromsuufi tarkaanfachuu isaa deebisuun buโuura of-hubannoofi dandeettii hawaasa keenyaa taasisuudha. Ofitti amanamummaa ummanni keenya dandeettii waa murteessuu, uumuu, qindeessuufi gumaachuu irratti qabu deebisnee cimsuudha.
Afaan, seenaa, falaasama, dhaabbilee hawaasaa, duudhaa, safuu, aartii, ogummaa, beekumsa xabboofi ittigaafatamummaa waloo keenya akkasumas barnoota, qorannoo, saayinsii, teknoolojii, dhaabbilee, bulchiinsa, jireenya hawaasaafi dinagdee bar-dhalee gidduutti walsima uumuudha.
Dhimmoota wal-faallessoo fakkaatan, garuu qabatamaatti wal-humneessoo taโan kan walitti fidu. Akkuma hidda keenya gadi fageeffachuu qabnu, yaada haaraaf banaa taโuudha. Akkuma eenyummaa keenya tikfachuu qabnu, ammayyummaa madaqsuudha. Eenyummaa ofiitti deebiโuun addunyaarraa of-qoqqobuu akka hintaane; akkasumas ammayyummaan eenyummaa liqiitiin liqimfamuun of-dhabuu akka hintaane agarsiisudha.
Haaromsi Aadaa Oromoo โ๐๐ฎ๐ฟ๐ผ๐ผ๐ฟ๐ฎ ๐ข๐ณ-๐ฑ๐ฎ๐ป๐ฑ๐ฎโ๐๐โ waggoota shanan dhufanii keessattis iddoo addaa akka qabaatu taโeera. ๐ค๐ผ๐ผ๐ฑ๐ฑ๐ฎ๐๐๐ผ๐ผ๐๐ฎ ๐ฑ๐ผ๐ฟ๐ด๐ผ๐บ๐๐๐บ๐บ๐ฎ๐ฎ๐ป ๐บ๐ผ๐ผ๐๐๐บ๐บ๐ฎ๐ฎ ๐ด๐ฎ๐ป๐ฑ๐ฎ๐ฎ ๐ถ๐๐๐ถ๐ถ๐ป ๐บ๐ฎ๐ฑ๐ฎ๐ฎ๐น๐ฎ๐บ๐ keessaa isa ijoo taโeera. Gandi marti Haaromsa Aadaa Oromoo guutummaan hojiitti akka hiikan kallattiin kaaโameera. Sadarkaa gandaatii eegalee, maqaa gaarii ummata keenyaa eeguufi turizimii babaldhisuuf akka oolu hubannoon umameera.
Haaromsi Aadaa Oromoo aadaa dhalootaa gara dhalootaatti jiraatamu, omishu, kalaquufi dorgomu ijaaruudha. Buโuuruma kanaan, kaayyoowwan shan: barnootaafi beekumsa omishuu, dinagdee ceesisuu, aartii Oromoo ammayyeessuu, aadaa Oromoo ceesisuu, akkasumas miidiyaafi qunnamtii ammayyeessuu milkeessuuf sochoโaa jira. Kaayyoowwan kunniin karaa qabachuu sirboota, weellisoota, diizaayinoota faayaafi uffata aadaa, akkasumas sochii daldalaa Goobeefi Shinooyyeen uumaa jiran qofa ilaaluun ragaa bahuu dandeenya.
Walumaagalatti, gaaffii โaadaa akkamii dhalootaaf dhaalla?โ jedhu qofa osoo hintaane, โaadaa keenyarraa kaanee dhaloota, hawaasafi sirna akkamii ijaarra?โ kan jedhuus deebisaa jirra. Gama birootiin, kaayyoowwan kunniin kallattiin milkaaโina ๐ด๐ฎ๐น๐บ๐ผ๐ผ๐๐ฎ ๐๐ฎ๐ฟ๐๐ถ๐ถ๐บ๐ฎโ๐ผ๐ผ ๐พ๐ฎ๐ฏ๐๐ผ๐ผ ๐๐บ๐บ๐ฎ๐๐ฎ ๐ข๐ฟ๐ผ๐บ๐ผ๐ผ sadan akka deeggaran taasisneerra:
1. ๐๐ต๐ฎ๐น๐ผ๐ผ๐๐ฎ ๐๐ผ๐ฟ๐ด๐ผ๐บ๐ฎ๐ฎ ๐จ๐๐บ๐๐f โ kan eenyummaa isaa beeku, dheebuu beekumsaa qabu, saayinsiifi teknoolojiin tarkaanfate, akkasumas kalaqeessa, dhaweessafi omishaa taasisuu;
2. ๐จ๐บ๐บ๐ฎ๐๐ฎ ๐๐ถ๐ป๐ฎ๐ด๐ฑ๐ฒ๐ฒ๐ป ๐๐ฎ๐ป๐ด๐ผ๐บ๐๐๐๐ณ โ kan beekumsa xabboo fayyadamu, qabeenyafi carraalee qabu beeku akkasumas sirnaan fayyadamu, naamusa hojii horate akka taโu dandeessisuu;
3. ๐ฆ๐ถ๐ฟ๐ป๐ฎ ๐๐ถ๐บ๐ฎ๐ฎ ๐๐ท๐ฎ๐ฎ๐ฟ๐๐๐ณ โ akka ummatummaa, hammattummaa, faayidaafi ittigaafatamummaa waloo tiksu akkasumas mala ittiin of-haaromsu qabaatee sirnoomu taasisuu.
Haaromsa Aadaa Oromoo hordofee, ariitiin Goobeefi Shinooyyeen gara kaarnivaala idil-addunyaatti ceโuuf itti deemaa jiran kan nama jajjabeessu taโuu ibsuun barbaada. Dhumarrattis, MNO Ayyaana Irreechaa cinaatti, ๐๐ผ๐ผ๐ฏ๐ฒ๐ฒ๐ณ๐ถ ๐ฆ๐ต๐ถ๐ป๐ผ๐ผ๐๐๐ฒ๐ฒ๐ป๐ถ๐ ๐๐ฎ๐น๐บ๐ฒ๐ฒ ๐๐ฎ๐บ๐ฏ๐ฎ๐ฎ๐น๐ฒ๐ฒ ๐๐ฎ๐ฑ๐ฎ๐ฎ ๐๐ถ๐น๐ถ๐๐ฎ๐ฎ ๐๐ต๐ฎ๐น๐ฎ ๐ก๐ฎ๐บ๐ฎ๐ฎ taโanii โ๐จ๐ก๐๐ฆ๐๐ขโtti akka galmaaโan kan hojjetu taโuu carraa kanaan mirkaneessuun barbaada.
Goobeen sifaafi suga; Shinooyyeen onnee araaraa, hila dhiifamaafi miira tokkummaa nuuf haataโu!
Booqa Birraa, Bookaan Turaa!