Tajaajila lammummaan Ayyaana bara haaraa sababeeffachuun deeggarsi taasifame - ENA Afaan Oromoo
Tajaajila lammummaan Ayyaana bara haaraa sababeeffachuun deeggarsi taasifame
Qaammee 1/2018(ENA):Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kooyyee Facceetti
Tajaajila lammummaan Ayyaana bara haaraa sababeeffachuun namoota harka qal'eeyyii 900 oliif deeggarsi garaa garaa taasifameera.
Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Kooyyee Facceetti ayyaana bara haaraa kabajamuuf jiru sababeeffachuun sagantaa kenna tajaajila Lammummaatiin deeggarsi garaa garaa baasii birrii mil.8fi kuma 652 tilmaamamu namoota harka-qalleeyyii 900 ol ta'iin bakka hooggantoonni olaanoon Magaalaa shaggarii fi qooda fudhattoonni argamanitti kennameera.
Saganticharratti kantiibaa Magaalaa shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa,Itti gaafatamaa paartii badhaadhinaa magaalaa shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluufi hooggantoonni sadarkaan jiran bakka argamanitti kennameera.
Saganticharratti Kantiibaan magaalaa Shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa biyyi tokko humnaafi baajata mootummaa qofaan misoomuufi guddachuu akka hin dandeenyee fi Lammiileenis gama dinagdeefi hawaasummaan waloon yoo wal tumsan hirkoo waliif ta'anii walooma jabeeffatu jedhaniiru.
Mootummaan naannoo Oromiyaas aadaafi duudhaa ganamaa deebisee haaromsuun tarkaanfii haaraa Tajaajila Lammummaatiin misooma walootiin boqonnaa haaraa saaqeera.
Kunis namooma dhugaa mul'isuu bira darbee kumaatamaaf hirkoo biyyaafis humna misoomaa guddaa ta'eera jedhaniiru.
Waggoota torban darbanitti humna, beekumsaafi qabeenya tola ooltotaa qindeessuun pirojektootni bu'uuraalee misoomaa garaagaraa kan ijaaramaa dhufan ta'uu fi deeggarsi namoomaa guddaanis mana harka qal'eeyyii ijaaruufi Maaddii qooduun uummatni hirkoo amansiisaa waliif ta'uu danda'uus ibsaniiru.
Tajaajila Lammummaa duularraa gara aadessuutti ceesisuuf xiyyeeffannoo kennamee hojjetamaa jiraachuu fi Kunis Tajaajilli lammummaa jecharra darbee gochaan dhugoomuun humna misoomaa waloofi hirkoo uummataa ta'uu sadarkaa danda'amurraan ga'uun galma qabame dhugoomsaa jira.
Bu'uuruma kanaan Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Kooyyee Facceetti ayyaana bara haaraa kabajamuuf jiru sababeeffachuun sagantaa kenna tajaajila lammummaatiin deeggarsi meeshaalee bu'uuraa, saawwan, hoolotaafi meeshaaleen Barnootaa baasii birrii mil.8 fi kuma 652 tilmaamamu namoota harka-qalleeyyii 900 ol ta'aniif taassifameera.
Namoota deeggarsi taasifameefii keessaa obbo Sanyii Kabbabaa akka jedhanitti deeggarsi taasifameefiitti gammaduu ibsuun, xiyyeeffannoo uummanni kennuun cinaa dhaabbatanitti abdii jireenyaa isaaniif horuusaanii ibsaniiru.
Tajaajilla lammummaan deeggarsi akaakuu garaagaraa kan taasifame ta'uu fi lammiileen Ayyana bara haaraa gammadanii akka dabarsaniif kan taasise ta'uus ibsaniiru jechuun waajjirri komunikeeshinii KMKF gabaaseera.