Tamsaasa Kallatti:

Itti aanaan pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah Marii paartiilee siyaasaa Ardiilee gidduutti (ICDPP) gaggeeffamu isa jalqabaa irratti hirmaachuuf Kooriyaa Kibbaa seenan

Qaammee 1 / 2018 (ENA): Itti aanaan pirezidaantii fi hogganaan olaanaa Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah Marii paartiilee siyaasaa Ardiilee gidduutti adeemsifamu (Inter-Continental Dialogue among Political Parties - ICDPP) jalqabaa irratti hirmaachuuf Kooriyaa Kibbaa Seoul galaniiru.
Konfiraansii sadarkaa olaanaa idil-addunyaa Fulbaana 6 hanga 9, 2026 gaggeeffamu kun hoggantoota paartilee siyaasaa Afrikaa, Eeshiyaa, Awurooppaa, Laatiin Ameerikaa fi Ameerikaa Kaabaa irraa walitti fiduun kan eegamu yoo ta’u, yeroo ammaa sagantaa simannaa hirmaattotaaf adeemsifamaa jira.

Konfiransichi sadarkaa addunyaatti walhubannoo fi tumsa paartilee siyaasaa gidduu jiru cimsuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, guyyoota itti aanan keessatti ajandaawwan adda addaa irratti ni mari’ata jedhamee eegama.

#Ena-Afaan -Oromoo #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015