Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan bu'aa guddaa galmeessisuun gara badhaadhina olaanaatti ce'aa jirti - Itti aanaa ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa

Qaammee 1/2018 (ENA): Itiyoophiyaan bu’aa guddaa galmeessisuun gara badhaadhina olaanaatti ce’aa jirti jedhan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa.

Itiyoophiyaan imala jijjiiramaa fi badhaadhina hunda galeessa damee hundaan eegalte cimsuun hirkattummaa irraa gara oomishtuutti cimtee ce’aa akka jirtus ibsaniiru.
Har'a Qaammee 1, 2018 "Guyyaan Omishtummaa" mata duree "Olka’insa Itiyoophiyaaf" jedhuun qophiilee adda addaatiin kabajamaa jira.
Sagantaa kana irratti itti aanaan ministeera muummee obbo Tamasgeen Xurunaa, hoggantoota olaanoo mootummaa, dhaabbilee michuu fi bakka bu’oota damee dhuunfaa waliin argamaniiru.


Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa akka himanitti, Riifoormii dinagdee Gooroo fi tarkaanfiiwwan ammayyeessuun sirna faayinaansii waggoota darban hojiirra oolan bu’uura diinagdee cimsaniiru jedhani.

Hojiiwwan wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetaman keessatti bu’aa guddaa galmeessisuu ibsaniiru.
Dameelee hedduu irratti hojiin bu’aa qabatamaan argamuu himaniiru.

Haaluma kanaan, foon, ruuzii, boqqolloo, aannaniifi midhaan biroo irratti fi qonna kilaastariitiin bu’aan galmaa’e dandeettiin omisha nyaataa Itiyoophiyaa akka dabalu taasisuu ibsaniiru.
Sochiin maanufaakchariingii fi agiroo-industirii Itiyoophiyaa fi paarkiiwwan indaastirii keessatti oomishaalee biyya alaa oomisha biyya keessaatiin bakka buusuun, Itiyoophiyaa fayyadamaa irraa gara diinagdee oomishtuu fi dorgomaa ta’etti jijjiira jedhaniiru.

Qabeenya uumamaa gara dinagdee gatii olaanaatti jijjiiruun damee albuudaa keessatti sona dabalataatiin carraan al-ergii haaraa uumamuu ibsaniiru.
Teknooloojiin haalli kaffaltii gibiraa iftoomina uumuu himaniiru. Gara fuula duraattis kenniinsa tajaajilaa malaammaltummaa irraa bilisa gochuun hojiin hojjetamu akka itti fufu ibsaniiru.


Kenniinsa tajaajilaa malaammaltummaa fi malaammaltummaa irraa bilisa taasisuuf adeemsa dijiitaala gochuun barbaachisaa ta’uus cimsanii dubbataniiru.
Itiyoophiyaan jijjiiramaa jiraachuu eeruun, gara badhaadhina olaanaatti tarkaanfachaa akka jirtu kan himan yoo ta’u, Itiyoophiyaanota, michoota Itiyoophiyaa damee misooma Itiyoophiyaa kanarratti halkanii guyyaa hirmaachuun hojjetan hunda galateeffataniiru.

#Ena-Afaan -Oromoo #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015