Tamsaasa Kallatti:

Guddina Qonna Oromiyaa  Waggoottan Jijjiiramaan booda

Qonni bu'uura jireenya hawaasaa fi madda nyaataa, dinagdee, akkasumas madda galii guddaa dha. 
Biyya keenya Itoophiyaatti Qonni wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu bira darbee dinagdee damdaneessa ijaaruun birmadummaa biyyaa bu’uuressaa jira.


Qonni keenya baroota dheeraaf gatiittii Qotiyyoo qofa irratti rarra'aa turuun oomishni argamaa ture maraammartoo hiyyummaa biyya keenyarra dheeressuus barii jijjiiramaa irraa kaasee Mootummaan harqota garbummaa jalatti dhaloota hidhee jiraachisaa kan ture cabsuun tarkaanfii damee  Qonnaa gatiittii Qotiyyoorraa gara Tiraakteraa, jireenya harkaa gara afaanii irraa gara wabii nyaataa mirkaneessuun birmadummaa biyyaatti ceesisuuf kutannoon hojii eegaleen injifannoon galmaa’aa dhufe boqonnaa haaraa saaqeera.


Boqonnaa haaraa kanaanis qonna tirannaarraa gara utaalchootti ceesisuun ilaacha harkaa gara afaanii cabsuun wabii nyaataa mirkaneessuurraa hanga gabaa biyya alaatti dorgomanii moo’achuutti hojjetamaa jira.


Mootummaan Damee Qonnaaf xiyyeeffannoo kennee  keessa qonnaa akka utubaa dinagdee biyyattiitti fudhachuun xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa tureera. Keessattuu, guddina dinagdee qonnaan durfamu mirkaneessuuf hojiiwwan kanaan dura hin baratamne irratti hojjeteera. Bu’aawwan Gama Qonnaan argame Ragaa BQO irraa arganne isinif dhiyeessineerra. 



Galma wabii nyaataa mirkaneessuuf qabameen


kanaan dura biyyi keenya  qamadii fi midhaan deeggarsaan argamu irratti hirkattee kan  turte yoo ta’u omishaa fi omishtummaa guddisuuf  hojjetameen,Oomisha Midhaanii roobaan  Lafa misoomuun bara 2011 hekt. Mil. 6.1 irra ture; bara 2018 gara hekt. Mil. 11.1tti ol-guddachuun  giddu-galeessaan waggaatti dhibbeentaa 10%’n  guddina agarsiisuu odeeffannoon Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa irraa arganne ni mul’isa.


Oomisha argameen bara 2011 kuntaala  Mil. 175.1 irra ture; bara 2018titti kuntaala  Mil. 343.4tti guddachuun oomisha dachaan dabaluun danda’ameera.  Kunis, giddu galeessaan dhibbeentaa   12  wagga waggaan dabalaa dhufuu agarsiisa.



Galma Oomishaalee qonnaa alaa galan bakka buusuuf qabameen


Misooma Qamadii Roobaan:


Biyye keenya Itiyoophiyaan  yeroo dheeraaf qamadii alaa galurratti hirkatee  kan turte hanbisuun  omisha biyya keessaan bakka buusuuf  hojii hojjetameen  xiyyeeffannoon misooma Qamadiif  kennameera.kanaanis misoomni  qamadii  Lafaaan  bara oomisha 2010/11 lafa hekt. Mil. 1.17 irra kan ture  ture bara 2017/18 hekt. Mil. 3.17tti guddisuun danda’ameera jedha ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa.

 

Oomishaan  bara 2010/11tti kunt. Mil.  40.6 irra kan  ture; bara 2017/18 gara kunt. Mil

109.5tti guddateera. Kunis, baroota jijjiiramaatti giddugaleessaan  15% guddina argamsiisee jira.


Misooma Qamadii Bonaan: Omishaa fi omishtummaa guddisuun hirkattummaa roobaa qofaan   galma ga’uun  kan hin danda’amne ta’uun hubatamee misooma jallisiif xiyyeeffannoon kennameera.Kanaanis:



Lafaan bara oomisha 2012 tti lafa hekt. Mil. 0.01 irra kan  ture; bara 2018 hekt. Mil. 3.4tti guddateera.
Oomishaan  bara 2012tti kunt. Mil.  0.3 irra ture; bara 2017 gara kunt. Mil 120.5tti kan guddateeera.bara 2018 immoo lafa faca’erraa kunt. Mil. 163 argachuuf hojjetamaa tureera,Kunis, baroota jijjiiramaatti giddu galeessaan  lafa misoomuun  180%; oomishaan 236% guddina argamsiisee jira.


Milkaa’ina argameenis Qamadii kadhachuurraa bahuun oomisha qamadiitiin of danda’uu bira dabarree gara biyya alaatti erguutti ceenee jirra. Kanaanis, Birmadummaa nyaataa mirkaneessuun, gara birmadummaa biyyaaleessaa guutuu ta’etti ce'uuf kan dandeessisu  jijjiirama qabatamaa fiduu eegalameerra.

 

Biyyi keenya Itoophiyaan wabii nyaataa mirkaneessuu ajandaa ishee isa hangafaa godhattee hojjachaa turteetti. Kanaanis, sosochii hirkatummaa irraa gara omishtummaatti jedhu taasifneen kabaja qamadiin dhabne qamadiin deeffachuun Itoophiyaa kadhaa qamadii irraa adda baasuun Afrikaa keessatti  fakkeenya birmaduu  hiree ofii ofiin murteeffattu ta’uu dandeesseetti.
 Wabii nyaataan of-danda’uun  dameewwan misoomaa  hundaan  yoo  hojjetame ta’uun hubatamee  inisheetivoota adda addaa hojiirra oolchuun hojiitti seenamee bu’aan boonsaan galmaa’aa jira.



Misooma Garbuu Biqila Biiraa:


Lafaan  Bara oomisha 2010/11 lafa hekt. 95,000 irra ture bara 2017/18 hekt. Kuma  519tti, guddatee jira . haaluma wal fakkaatuun ,Oomishaan  bara 2010/11tti kunt. Mil.  3.1 irra ture; bara 2017/18 gara kunt. Mil. 20.7tti guddateera.


Kunis, baroota jijjiiramaatti  lafa misoomuufi oomisha argameen gidduu galessaan   27% guddina argamsiisee jira. Kan alaa gala tures gutummaatti  hambisuun danda’ameera.


Misooma Ruuzii:



Inisheetivoota   hojiirra oolanii bu’aa olaanaa galmeessisan  keessaa misoomni Ruuzii tokko yoo ta’u , baroota jijiiramaa keessa bal’inaan hojiitti seenameera.
Lafaan  barara oomisha 2010/11 lafa hekt. 10,000 irra ture bara 2017/18 hekt. Mil.  1.280tti, guddateera.


Oomishaan  bara 2010/11tti kunt. Mil.  0.416 irra ture; bara 2017/18 gara kunt. Mil. 50tti guddateera.
Kunis, baroota jijjiiramaatti  lafa misoomuun 99 fi oomisha argameen gidduugaleessaan  98% guddina argamsiisee jira.


 Galma Oomishaalee al-ergee:
Omishaalee Al-ergee   baayyinaa fi qulqullinaan misoomsuun galii sharafa alaa guddisuurratti qabame milkeessuuf: Oomishaalee Atar boonsituu, Boloqqee, Saalixii, Maashoo fi looziitiin bara jijjiirama dura waliigalaan
Lafa misoomuun hektaara kuma282,500 irraa gara  hektaara 3,107, 300 tti guddateera.
 Oomishaan kuntaala 3,912,000 irra gara kuntaala40,802,000tti guddisuun danda’ameera.



Misooma Bunaa:


 Al-ergii bunaarraa sharafni alaa argamu diinagdee biyyattii gargaara. Dorgommiin qulqullina bunaa akka Cup of Excellence qonnaan bultootaaf gatii olaanaa argamsiisaa jira. Xiyyeeffannoo dame kanaaf kennameen   jijjiiramni ol’aanaan  galmaa’eera.
 Biqiltuu bunaa dhaabbatu  miliyoona 908  irraa gara  Biliyoona 2.434tti,
 Oomisha argame kuntaala Miliyoona 6.48 irraa gara miliyoona 16.9tti
Biqiltuun dhaabbatu waggaatti giddu-galeessaan  18%n , oomishni argamuun 15%n guddateera


Misooma Baala shayee :



Misoomni kun haala qilleensaa fi biyyeen wal qabatee baayyinaan lixa fi kibba lixa Oromiyaa keessatti babal'achaa jira:


Godina Iluu Abbaa Boor: Bakka itti dhiyeenyaan bal'inaan jalqabamee fi muuxannoo gaariin itti mul'ate dha.


Godina Jimmaa: Aanaalee akka Gommaa, Maannaa, Saqqaa Coqorsaa, fi Shabee Somboo keessatti qonnaan bultootaa fi dargaggoonni gurmaa'anii irratti hirmaachaa jiru. Kanaanis  misoomicharratti jijiiramni  guddaan mul’achaa jira.
Lafa irratti misoomeen hektaara kuma 1.1 irraa gara hekt. Kuma 2.7tti



Misooma Muduraa waliigalaan :


Itoophiyaa keessatti, keessattuu inisheetivii "Ashaaraa Magariisaa" fi tarsiimoowwan qonna ammayyaatiin deeggaramee, wabii nyaataa mirkaneessuu fi galii maatii qonnaan bultootaa guddisuuf xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojjetamaa jira.


Lafa irratti misoomeen hektaara kuma 49.9 irraa gara hekt. Kuma 631.4tti guddatee jira.
Oomisha  argame kuntaala Miliyoona 5.4 irraa gara miliyoona 27.3tti
 Uwwisni lafaa waggaatti giddu-galeessaan +53%’n, oomishni +31%’n guddateera.


Xumura


Galma Wabii nyaataa mirkaneessuutiin
Oomishaa fi oomishitummaan midhaan nyaataa walumaagalaa giddu-galeessaan dhibbeentaa 12%’n saffisa fooyya’aa ta’een guddataa dhufera.
  Omisha Qamadii Jallisii Bonaa: Inni kun xiyyeeffannoo guddaa kennameen, hanqina qamadii biyya keessaa mirkaneessuu fi alatti erguu irratti hojjetameera.
Haaluma Kanaan gargaarsa qamadii alaa eeggachuu irra gara of danda'uutti ce'uun danda'ameera.
Qonnaan/horsiisee bultoonni qonna hirkatummaa roobaa jalaa ba’uun, jallisii fayyadamanii waggaatti si'a lamaa fi isaa ol omishuu akka danda'an hubannoon uumameera.
Kanaanis oomishni qamadii jallisiin oomishamuu saffisa baay’ee olaanaa ta’een dhibbeentaa 236%’n guddateera.


Mala kilaasteraan sanyii filatamaa fi xaa'oo wal-fakkaataa akka fayyadaman, akkasumas makanizeshinii (tiraaktaraa fi kombaayinara) fayyadamuun oomishuun omishtummaa hektaara tokko irraa argamu dabaleera.
 
Tiraaktaroonni fi maashinaroonni qonnaa hedduun gara biyya keessaa akka galan ta'uun, hojiin qonnaa dadhabbiin isaa akka hir'atu taasiseera. Akkasumas Qonnaan bultoonni humna namaa fi horii irra gara maashinaroota ammayyaatti akka ce'an taasisuun  danda’ameera.
Haaluma kanaan dhiyeessii tiraakteraa gidduu galeessan 17% fi dhiyeessiin kombaayinera midhaan haamuu giddu galeessaan 15  dabalaa kan dhufee yeroo ta’uu, qonni humna namaa fi horii irraa gara maashinariitti ce'uuf sochiin jiru gaarii ta'uu agarsiisa.


Sagantaa Maaddii guutuun: Omishoota akka foonii, hanqaaquu, dammaa, fi Aannannii irratti xiyyeeffachuun nyaata madaalawaa mirkaneessuu fi galii maatii dabaluu. Uuummatni biyyattii fi naannichaa akka argatu taassifameera.

#Ena-Afaan -Oromoo #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015