Guddina Qonna Oromiyaa Waggoottan Jijjiiramaan booda - ENA Afaan Oromoo
Guddina Qonna Oromiyaa Waggoottan Jijjiiramaan booda
Qonni bu'uura jireenya hawaasaa fi madda nyaataa, dinagdee, akkasumas madda galii guddaa dha.
Biyya keenya Itoophiyaatti Qonni wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu bira darbee dinagdee damdaneessa ijaaruun birmadummaa biyyaa bu’uuressaa jira.
Qonni keenya baroota dheeraaf gatiittii Qotiyyoo qofa irratti rarra'aa turuun oomishni argamaa ture maraammartoo hiyyummaa biyya keenyarra dheeressuus barii jijjiiramaa irraa kaasee Mootummaan harqota garbummaa jalatti dhaloota hidhee jiraachisaa kan ture cabsuun tarkaanfii damee Qonnaa gatiittii Qotiyyoorraa gara Tiraakteraa, jireenya harkaa gara afaanii irraa gara wabii nyaataa mirkaneessuun birmadummaa biyyaatti ceesisuuf kutannoon hojii eegaleen injifannoon galmaa’aa dhufe boqonnaa haaraa saaqeera.
Boqonnaa haaraa kanaanis qonna tirannaarraa gara utaalchootti ceesisuun ilaacha harkaa gara afaanii cabsuun wabii nyaataa mirkaneessuurraa hanga gabaa biyya alaatti dorgomanii moo’achuutti hojjetamaa jira.
Mootummaan Damee Qonnaaf xiyyeeffannoo kennee keessa qonnaa akka utubaa dinagdee biyyattiitti fudhachuun xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa tureera. Keessattuu, guddina dinagdee qonnaan durfamu mirkaneessuuf hojiiwwan kanaan dura hin baratamne irratti hojjeteera. Bu’aawwan Gama Qonnaan argame Ragaa BQO irraa arganne isinif dhiyeessineerra.
Galma wabii nyaataa mirkaneessuuf qabameen
kanaan dura biyyi keenya qamadii fi midhaan deeggarsaan argamu irratti hirkattee kan turte yoo ta’u omishaa fi omishtummaa guddisuuf hojjetameen,Oomisha Midhaanii roobaan Lafa misoomuun bara 2011 hekt. Mil. 6.1 irra ture; bara 2018 gara hekt. Mil. 11.1tti ol-guddachuun giddu-galeessaan waggaatti dhibbeentaa 10%’n guddina agarsiisuu odeeffannoon Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa irraa arganne ni mul’isa.
Oomisha argameen bara 2011 kuntaala Mil. 175.1 irra ture; bara 2018titti kuntaala Mil. 343.4tti guddachuun oomisha dachaan dabaluun danda’ameera. Kunis, giddu galeessaan dhibbeentaa 12 wagga waggaan dabalaa dhufuu agarsiisa.
Galma Oomishaalee qonnaa alaa galan bakka buusuuf qabameen
Misooma Qamadii Roobaan:
Biyye keenya Itiyoophiyaan yeroo dheeraaf qamadii alaa galurratti hirkatee kan turte hanbisuun omisha biyya keessaan bakka buusuuf hojii hojjetameen xiyyeeffannoon misooma Qamadiif kennameera.kanaanis misoomni qamadii Lafaaan bara oomisha 2010/11 lafa hekt. Mil. 1.17 irra kan ture ture bara 2017/18 hekt. Mil. 3.17tti guddisuun danda’ameera jedha ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa.
Oomishaan bara 2010/11tti kunt. Mil. 40.6 irra kan ture; bara 2017/18 gara kunt. Mil
109.5tti guddateera. Kunis, baroota jijjiiramaatti giddugaleessaan 15% guddina argamsiisee jira.
Misooma Qamadii Bonaan: Omishaa fi omishtummaa guddisuun hirkattummaa roobaa qofaan galma ga’uun kan hin danda’amne ta’uun hubatamee misooma jallisiif xiyyeeffannoon kennameera.Kanaanis:
Lafaan bara oomisha 2012 tti lafa hekt. Mil. 0.01 irra kan ture; bara 2018 hekt. Mil. 3.4tti guddateera.
Oomishaan bara 2012tti kunt. Mil. 0.3 irra ture; bara 2017 gara kunt. Mil 120.5tti kan guddateeera.bara 2018 immoo lafa faca’erraa kunt. Mil. 163 argachuuf hojjetamaa tureera,Kunis, baroota jijjiiramaatti giddu galeessaan lafa misoomuun 180%; oomishaan 236% guddina argamsiisee jira.
Milkaa’ina argameenis Qamadii kadhachuurraa bahuun oomisha qamadiitiin of danda’uu bira dabarree gara biyya alaatti erguutti ceenee jirra. Kanaanis, Birmadummaa nyaataa mirkaneessuun, gara birmadummaa biyyaaleessaa guutuu ta’etti ce'uuf kan dandeessisu jijjiirama qabatamaa fiduu eegalameerra.
Biyyi keenya Itoophiyaan wabii nyaataa mirkaneessuu ajandaa ishee isa hangafaa godhattee hojjachaa turteetti. Kanaanis, sosochii hirkatummaa irraa gara omishtummaatti jedhu taasifneen kabaja qamadiin dhabne qamadiin deeffachuun Itoophiyaa kadhaa qamadii irraa adda baasuun Afrikaa keessatti fakkeenya birmaduu hiree ofii ofiin murteeffattu ta’uu dandeesseetti.
Wabii nyaataan of-danda’uun dameewwan misoomaa hundaan yoo hojjetame ta’uun hubatamee inisheetivoota adda addaa hojiirra oolchuun hojiitti seenamee bu’aan boonsaan galmaa’aa jira.
Misooma Garbuu Biqila Biiraa:
Lafaan Bara oomisha 2010/11 lafa hekt. 95,000 irra ture bara 2017/18 hekt. Kuma 519tti, guddatee jira . haaluma wal fakkaatuun ,Oomishaan bara 2010/11tti kunt. Mil. 3.1 irra ture; bara 2017/18 gara kunt. Mil. 20.7tti guddateera.
Kunis, baroota jijjiiramaatti lafa misoomuufi oomisha argameen gidduu galessaan 27% guddina argamsiisee jira. Kan alaa gala tures gutummaatti hambisuun danda’ameera.
Misooma Ruuzii:
Inisheetivoota hojiirra oolanii bu’aa olaanaa galmeessisan keessaa misoomni Ruuzii tokko yoo ta’u , baroota jijiiramaa keessa bal’inaan hojiitti seenameera.
Lafaan barara oomisha 2010/11 lafa hekt. 10,000 irra ture bara 2017/18 hekt. Mil. 1.280tti, guddateera.
Oomishaan bara 2010/11tti kunt. Mil. 0.416 irra ture; bara 2017/18 gara kunt. Mil. 50tti guddateera.
Kunis, baroota jijjiiramaatti lafa misoomuun 99 fi oomisha argameen gidduugaleessaan 98% guddina argamsiisee jira.
Galma Oomishaalee al-ergee:
Omishaalee Al-ergee baayyinaa fi qulqullinaan misoomsuun galii sharafa alaa guddisuurratti qabame milkeessuuf: Oomishaalee Atar boonsituu, Boloqqee, Saalixii, Maashoo fi looziitiin bara jijjiirama dura waliigalaan
Lafa misoomuun hektaara kuma282,500 irraa gara hektaara 3,107, 300 tti guddateera.
Oomishaan kuntaala 3,912,000 irra gara kuntaala40,802,000tti guddisuun danda’ameera.
Misooma Bunaa:
Al-ergii bunaarraa sharafni alaa argamu diinagdee biyyattii gargaara. Dorgommiin qulqullina bunaa akka Cup of Excellence qonnaan bultootaaf gatii olaanaa argamsiisaa jira. Xiyyeeffannoo dame kanaaf kennameen jijjiiramni ol’aanaan galmaa’eera.
Biqiltuu bunaa dhaabbatu miliyoona 908 irraa gara Biliyoona 2.434tti,
Oomisha argame kuntaala Miliyoona 6.48 irraa gara miliyoona 16.9tti
Biqiltuun dhaabbatu waggaatti giddu-galeessaan 18%n , oomishni argamuun 15%n guddateera
Misooma Baala shayee :
Misoomni kun haala qilleensaa fi biyyeen wal qabatee baayyinaan lixa fi kibba lixa Oromiyaa keessatti babal'achaa jira:
Godina Iluu Abbaa Boor: Bakka itti dhiyeenyaan bal'inaan jalqabamee fi muuxannoo gaariin itti mul'ate dha.
Godina Jimmaa: Aanaalee akka Gommaa, Maannaa, Saqqaa Coqorsaa, fi Shabee Somboo keessatti qonnaan bultootaa fi dargaggoonni gurmaa'anii irratti hirmaachaa jiru. Kanaanis misoomicharratti jijiiramni guddaan mul’achaa jira.
Lafa irratti misoomeen hektaara kuma 1.1 irraa gara hekt. Kuma 2.7tti
Misooma Muduraa waliigalaan :
Itoophiyaa keessatti, keessattuu inisheetivii "Ashaaraa Magariisaa" fi tarsiimoowwan qonna ammayyaatiin deeggaramee, wabii nyaataa mirkaneessuu fi galii maatii qonnaan bultootaa guddisuuf xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojjetamaa jira.
Lafa irratti misoomeen hektaara kuma 49.9 irraa gara hekt. Kuma 631.4tti guddatee jira.
Oomisha argame kuntaala Miliyoona 5.4 irraa gara miliyoona 27.3tti
Uwwisni lafaa waggaatti giddu-galeessaan +53%’n, oomishni +31%’n guddateera.
Xumura
Galma Wabii nyaataa mirkaneessuutiin
Oomishaa fi oomishitummaan midhaan nyaataa walumaagalaa giddu-galeessaan dhibbeentaa 12%’n saffisa fooyya’aa ta’een guddataa dhufera.
Omisha Qamadii Jallisii Bonaa: Inni kun xiyyeeffannoo guddaa kennameen, hanqina qamadii biyya keessaa mirkaneessuu fi alatti erguu irratti hojjetameera.
Haaluma Kanaan gargaarsa qamadii alaa eeggachuu irra gara of danda'uutti ce'uun danda'ameera.
Qonnaan/horsiisee bultoonni qonna hirkatummaa roobaa jalaa ba’uun, jallisii fayyadamanii waggaatti si'a lamaa fi isaa ol omishuu akka danda'an hubannoon uumameera.
Kanaanis oomishni qamadii jallisiin oomishamuu saffisa baay’ee olaanaa ta’een dhibbeentaa 236%’n guddateera.
Mala kilaasteraan sanyii filatamaa fi xaa'oo wal-fakkaataa akka fayyadaman, akkasumas makanizeshinii (tiraaktaraa fi kombaayinara) fayyadamuun oomishuun omishtummaa hektaara tokko irraa argamu dabaleera.
Tiraaktaroonni fi maashinaroonni qonnaa hedduun gara biyya keessaa akka galan ta'uun, hojiin qonnaa dadhabbiin isaa akka hir'atu taasiseera. Akkasumas Qonnaan bultoonni humna namaa fi horii irra gara maashinaroota ammayyaatti akka ce'an taasisuun danda’ameera.
Haaluma kanaan dhiyeessii tiraakteraa gidduu galeessan 17% fi dhiyeessiin kombaayinera midhaan haamuu giddu galeessaan 15 dabalaa kan dhufee yeroo ta’uu, qonni humna namaa fi horii irraa gara maashinariitti ce'uuf sochiin jiru gaarii ta'uu agarsiisa.
Sagantaa Maaddii guutuun: Omishoota akka foonii, hanqaaquu, dammaa, fi Aannannii irratti xiyyeeffachuun nyaata madaalawaa mirkaneessuu fi galii maatii dabaluu. Uuummatni biyyattii fi naannichaa akka argatu taassifameera.