Omishaaleen biyya keessaa badhaadhina itti fufiinsa qabuuf bu'uura kaa'eera – Hayyoota - ENA Afaan Oromoo
Omishaaleen biyya keessaa badhaadhina itti fufiinsa qabuuf bu'uura kaa'eera – Hayyoota
Qaammee 1/2018 (ENA): Omishaaleen biyya keessaa badhaadhina itti fufiinsa qabuuf bu'uura kan kaa’e ta’uu hayyoonni Yuunivarsiitii Madda Walaabuu ibsaniiru.
Har'a Qaammee 1, 2018, mata duree "Guyyaa Omishtummaa" jedhuun sagantaalee adda addaatiin akka biyyaatti kabajamaa jira.
Sagantaan kun bu’aawwan qabatamaa Itiyoophiyaan gama hedduun galmeessiftee fi jijjiirama caasaa damee qonnaa, bu’uuraalee misoomaa, industirii fi dijiitaalaa agarsiisuu, akkasumas guddina ishee itti fufsiisuuf kan kaayyeffatedha.
Turtii hayyoonni Yunivarsiitii Madda Walaabuu ENA waliin taasisan haaromsi dinagdee fi jijjiiramni caasaa guddina biyyaalessaa galmaan ga’uuf taasifame misooma itti fufiinsa qabuuf bu’uura kaa’aa jiraachuu ibsaniiru.
Deenii fi Qorataan Kolleejjii Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Yunivarsiitichaa Dr. Darajjee Darsoo akka jedhanitti, dameen qonnaa qonnaan bultootaaf wabii nyaataa mirkaneessuu qofa osoo hin taane gabaa tasgabbeessuu keessatti bu’aa qabatamaa galmeessisaa jiraara.
Keessattuu filannoo bishaanii fayyadamuun qonna waggaa guutuu misoomsuun kan danda’ame ta’uu ibsaniiru.
Barsiisaa fi qorataan kutaa qonnaa Yunivarsiitichaa kan biraa Gargaaraa Piroofeesar Tasfaayee Amanuu gama isaaniitiin hojiin qonnaa naannoo gammoojjiitti gaggeeffamu fayyadamummaa horsiisee bultootaa fi hawaasa qonnaan bulaa akka dabalu hubachiisaniiru.
Kana cinatti horsiisee bultoonni fayyaa beeyladaa fi mala hormaataa fooyyessanii fayyadamummaa diinagdee isaanii guddifachuu eeraniiru.
Haalli hojii mijataa fi walitti hidhamiinsi gabaa mootummaan uume milkaa’inaafi ce’umsa itti fufinsa qabu kana keessatti gahee gaarii taphateera jedhan.
Yuunivarsiitichatti barsiisaan Ikonomiksii (diinagdee) kan biraabarsiisaa Biraanuu Geetaachoo waggoota darban keessatti jijjiiramni qonna, turizimii, industirii fi dameewwan diinagdee adda addaa biroo irratti mul’ate bu’uura dinagdee biyyattii cimsuu ibsaniiru.
Riifoormiin dinagdee biyya keessaa fi riifoormiin dinagdee Gooroo hojiirra oole guddina dameelee adda addaatiif gumaacha olaanaa akka qabu eeraniiru.
Sochiin Omishtummaa Itiyoophiyaa akka biyyaatti gaggeeffamaa ture, oomishtoonni biyya keessaa heddummina oomishaa fi qulqullina isaanii akka guddisan kan taasise ta’uu eeruun, hojiin oomishaalee biyya alaatii galfaman oomisha biyya keessaatiin bakka buusuuf hojjetamaa ture bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru.