Tamsaasa Kallatti:

Artiist Ilfinash Aartii Oromoo ceesisuufi Oromummaa jabeessuuf uummata Oromoo bara isaanii guutuu tajaajilan – Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa

Qaammee 1/ 2018 (ENA) :Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa du’aan boqochuu Artiisti Ilfinash Qannoo ilaalchisee ibsa gaddaa baaseera.

Artiist Ilfinash Aartii Oromoo ceesisuufi Oromummaa jabeessuuf uummata Oromoo bara jireenya isaanii guutuu tajaajilaa turan jedhe.

Guutuun ibsichaa kunooti:

Artisti Ilfinash Qannoo Bara Dukkanaatti Qabsoo Oromoo Artiin humneessite du'aan dhabuun gadda guddaadha.

Artiin jiruuf jireenya Uummataa kan dammaksu, jijjiiramaaf kan hiriirsu, gaddaa fi gammachuu kan mul'isu utubaa guddicha eenyummaa Uummataa ijaarudha.

Artisti Ilfinash Qannoos umurii ijoollummaatiin Galaanaa Artii Oromootti kan makamtee fi hanga du'aan Addunyaa kanarraa of biraa dhabnuutti uummata Oromoof akka dungoo ifaa bara jireenya isaanii guutuu Uummata tajaajilaniiru.

Artisti Ilfinash Qannoo ilaalcha caas-tolcheen gadaantummaa fi barmaatilee boodatti hafaa dubartoota irra ture cabsuun nama jabduu hojii Artiin ashaara dhalootaaf jiraatu keesse du'aan dhabuun gadda guddaadha.

Bara dukkanaa Afaan Oromootiin wellisuu mitii, dubbachuunuu akka yakkaatti ilaalamu irraa eegalee hojii Artiitiin uummata Oromoo ijaaruu, tokkummaaf hiriirsuu fi duudhaa, Aadaaf Afaan Oromoo guddisuu keessatti gumaacha guddaa kan taasiste dubartii jabduu Oromoon qabudha.

Artist Ilfinash Artii Oromoo ceesisuu fi Oromummaa jabeessuu keessatti sagalee kilolee qabanitti fayyadamuun dandeettiis cimsachaa uummata Oromoo bara isaanii guutuu tajaajilaniiru.

Gaafa Artisti Ilfinash Qannoo dhukkubsachuu eegalan irraa kaasee mootummaan Naannoo Oromiyaa baasiiwwan gara garaa danda'uu yaalchisaa turus, guyyaa rabbi isaaniif qabe waan ta'eef Artisti Ilfinash boqotaniiru.

Artistii jabduu kana du'aan wayita of biraa dhabnu kan gaddinu ta'us, hojiiwwan Artii seenaa fi Oogbarruu Oromoo guddisuu keessatti Aetist Ilfinash ba'achaa turaniin Oromoon hundi kan jajjabaatudha.

Dhaloonni haaraan kun guca qabsoo Artisti Ilfinashii fi waayiloonni isaanii qabsiisaniin injifannoo aarsaa qaaliin galmaahe tiksuun sadarkaa ol'aanaatti ceesisuuf kutannoon hojjechuutu irraa eegama.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa imaanaa Artisti Ilfinash Qannoofii qabsaahota biyyaa fi saba ofii ijaaruuf aarsaa kaffalan kudhaammatee injifannoo caaluuf hojjechaa jira.

Qabsooftuu mirga dhala namaa Artisti Ilfinesh Qannoo du'aan of biraa dhabuutti gaddi guddaan kan nutti dhaga'ame ta'uu ibsaa Uummata Oromoo maraa fi maatii hundaaf jajjabina hawwina.

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa

Qaammee 1/2018

Finfinnee

#Ena-Afaan -Oromoo #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015