Tamsaasa Kallatti:

Piriimeer Liigii Ingilaandi Arsenaal Cheelsii keessummeessu haalaan eegama.

Qaammee 1/2018 (ENA): Piriimeer Liigii Ingilaandi Arsenaal Cheelsii keessummeessu haalaan eegama.

Taphni Darbii Landan galgala sa'aatii 12:30 irratti Istaadiyeemii Emirates keessatti gaggeeffama.

Arsenaal fi Cheelsiin garaagarummaa gooliitiin qabxii 6’n wal qixa, sadarkaa sadaffaa fi 4ffaa bahaniiru.

Abbaan Dirree Arsenaal taphoota liigii lamaan irratti goolii 4 galchuun gooliin tokkollee isatti hin lakkaahamne. Kunis cimina garee kanaa, keessattuu ittisa isaa agarsiisa.

Morkataan isaa Cheelsiin taphoota lama irratti goolii 7 kan lakkoofsise yoo ta'u, isaan keessaa shan isatti lakkaahamaniiru. Sochiin weeraraa Cheelsii gaarii ta'us, ittisa irratti dadhabina qaban sirreessuu qabu.

Walmorkattoonni Landan lamaan liigii kanaan yeroo wal argan kun yeroo 69ffaadha. Taphoota 68 kanaan dura Arsenaal 28 yoo injifatu, Cheelsiin ammoo 20 injifateera.Taphoota 18 hafan qixaan xumuramaniiru. Arsenaal taphoota sanaan goolii 97 yoo galchu, Cheelsiin ammoo 85 galcheera.

Arsenaal tapha liigii shanan darban keessaa sadii injifateera; kanneen hafan lama ammoo qixa ba'aniiru. Cheelsiin yeroo dhumaaf bara 2021 liigichaan Arsenaal injifate.

Shaampiyoonaa liigii ammaa Arsenaal bara haaraa kana taphoota jalqabaa lamaan injifachuun haala gaariin duula isaanii eegalaniiru. Morkattoonni Cheelsiin jalqaba gaarii taasisaniiru, taphoota liigii isaanii lamaan injifachuun isaanii ni yaadatama. Kanaaf, taphi kilaboota Landan lamaan gidduutti taasifamu cimaa ta'a jedhamee eegama.

Gaheessi Ganna 41 Kiriis Kaashaanaag tapha eegamaa kana Abbaa Mutree olaanaa ta’uun ni taphachiisu.

Tapha biraatiin ammoo Evartan Istaadiyeemii Hiil Dikiinsan irratti Maanchistar Yunaayitid keessummeessa. Evartan taphoota lama irratti qabxii tokko qofa yoo qabaatu, morkataan isaa Maanchistar Yunaayitid ammoo qabxii sadii qaba.

Torbee lammaffaa irratti Ipiswichi Town 5 fi 2’n injifate Maanchistar Yunaayitid walitti aansuun injifannoo isaa dheeressuuf kan taphatu ta'a.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015