Tamsaasa Kallatti:

Omishtummaa olka'insa Itiyoophiyaaf

Oomishtummaa - Olka’iinsa Itiyoophiyaaf!

Baga guyyaa oomishtummaa ittiin isin gahe; nuun gahe geessan!

Oomishtummaan sadarkaa olka’iinsaa irra jirru irraa gara sadarkaa olaanaatti ce'uu jechuudha. 

Sadarkaa olka’iinsaa adeemsa suuta suutaan waggoota hedduu fudhachuun fooyyessuun ni danda’ama; garuu fooyya’iinsi karaa kanaan dhufu galma yaadame irra ga’uuf tattaaffii dhaloota hedduu gaafata. 

Nutis Itiyoophiyaanonni, duubatti hafummaa fi hiyyummaa keessa waggoota dheeraaf turre irraa adeemsa suuta suutaan bahuun waan hin danda’amneef, jijjiirama oomishtummaa fiduu galma godhannee hojjechaa, milkaa’inootas galmeessaa jirra. 

Bu’aan tattaaffiiwwan keenya waggoota muraasa darbanis kanuma mul’isa.

Ba’aa liqaa alaa Itiyoophiyaa quucarsee ture hir’isuun, dandeettii galii walitti qabuu guddisuun, dandeettii oomishaa industiriiwwanii fooyyessuun, akkasumas itti fayyadama qabeenya albuudaa guddisuun jijjiiramoonni oomishtummaa galmaa’aniiru.

Dandeettiin mootummaa waliigalaan hojii raawwachuu qabuus haalaan fooyya’eera.

Milkaa’ina oomishtummaa kana galmeessuun kan danda’ame, fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa irratti hundaa’e hojiirra oolchuun; tajaajila mootummaa fooyyessuun; hirmaannaa fi fayyadamummaa lammiilee guddisuun; sirna daldalaa saffisaafi iftoomina qabu uumuun; akkasumas dandeettii dippilomaasii Itiyoophiyaa ilaalcha lammiileefi faayidaa biyyaalessaa irratti hundaa’een qajeelchuun, tattaaffii bal’aa Mootummaan yaadama Ida’amuu taasiseenidha.

Itiyoophiyaan qabeenya albuudaa ishee itti gaafatamummaa olaanaafi karaa seera qabeessa ta’een itti fayyadamuu eegalteetti. Humna haaromfamuu danda’u oomishuun ofii ishee bira darbee naannawichaaf madda humnaa taateetti. 

Diinagdee dameewwan hedduu hammate hojiirra oolchuun guddina gama hundaa galmeessaa dhufteetti. 

Oomishaalee industirii gabaa addunyaa irratti dorgomuun gurguruu dandeessisuus uumteetti.

Karoora misoomaa mootummaa daangaa hojiiwwan muraasa irraa baasee, galma dhaloota yaada keessa galche kaa’uun hojiirra oolchaa jira.

Bara 2018 keessa damee hundaan mul’ata biyyaalessaa ifaa abdii irraa gara jijjiirama qabatamaatti ce’uu milkeessuun danda’ameera. 

Itiyoophiyaa bara 2023tti fakkeenya badhaadhina Afrikaa taasisuuf galmi kaa’amee, tattaaffiin cimaa taasifamaa jira; yeroo milkaa’ina sanaa bira ga’amuus suuta suutaan dhiyaachaa jira.

Itiyoophiyaan waggoota muraasa darban keessatti, yaad-rimeewwan imaammataa Yaadama Mootummaa Ida'amuun qopheesse irratti hundaa’uun, abbaa biyyummaa guutuu mirkaneessuu jalqabdeetti. 

Guddinni gama walitti qabama galii irratti mul’ate fakkeenya isa tokkodha.

Bu’uura gibiraa fi taaksii babal’isuun, dandeettii galii walitti qabuu guddisuun, akkasumas itti quufiinsa tajaajila mootummaa kaffalaa gibiraa tajaajila giddu gala iddoo tokkoo Masoobiifi tajaajiloota dijitaalaa kennaniin dabaluun raawwii olaanaa agarsiisuun danda’ameera. Kanaanis hanqina baajataa haalaan dhiphisuun danda’ameera.

Waggoota muraasa darban keessatti dandeettiin mootummaa ijaarsa pirojektoota raawwachuurratti haalaan guddateera. 

Pirojektoonni yoom akka jalqabaman ykn baajata hammamii akka gaafatan qofa osoo hin taane, yoom xumuramanii sirriitti tajaajila kennuu akka jalqaban illee yeroo dhagaa bu’uuraa kaa’anitti ofitti amanamummaa guddaadhaan ibsuu kan danda’an sadarkaa irra ga’ameedha.

Milkaa’inoota oomishtummaa beekamtii kennuuf, akkasumas waggoota itti aanan keessatti milkaa’inoota oomishtummaa caalmaatti galmeessuuf qophii taasisuun barbaachisaa waan ta’eef, har’a Qaaammeen 01 ergaa mata-duree “Olka'iinsa Itiyoophiyaa!” jedhuun kabajamee oola!

Baga Guyyaa oomishtummaa ittiin isin gahe; baga nuun gahe!

Qaammee 01/2018 

Guyyaa Oomishtummaa 

Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa 

Finfinnee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015