Ergaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Ergaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Ergaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Guyyaa Tarkaanfannaa
Abbootiin keenya daangaa Itoophiyaa dhiigaafi lafeesaaniitiin kabachiisanii biyya guddoo nudhaalchisaniiru.
Har'a immoo birmadummaa dhigaa kan mirkaneessaa jirru daandii keenya haaraafi seena-qabeessa kadhaafi hirkatummaarraa gargar baheenidha! Doolaara miliyoonaan lakka'amuun qamadii galchuu bira darbinee har'a Afrikaatti homishaa qamadii dursaa t'uudhaan baasii Doolaara miliyoonotaa hambisuu dandeenyeerra.
Sagantaa Maaddii Irraa hafaatiin wabii nyaataa qabatamaadhaan mirkaneessaa, sochii Itophiyaan Haa Homistutiin indaastiriiwwan haaraa babal'isuudhaan carra hojii uumnee birmadummaa keenya mirkaneessuu irratti argamna.
Murtiiwwan ciccimoo riifoormii dinagdee maakroo kanaan dura kan hin yaadamneefi kan hin tuqamne jedhamaa turan kutannoodhaan hojiirra oolchuudhaan dinagdee biyya keenyaa bu'ura cimaa irratti ijaaraa jirra. Injifannoowwan gurguddaan kunneen kan argisiisan Itoopgiyaan qormaatilee keessoofi alaa ishee muudataniin utuu gadi hin jedhiin ciminaan ademuu danda'uu ishee kan mirkaaneessan ragaa jiraataadha. Abdiin imalli keenya tarkaannaa kun bara dhufuuf qabate baay'ee guddaadha!
#EthiopiaDelivers