Tamsaasa Kallatti:

Manchistar Siitiin Koventarii Siitii mo’achuun liigicha dursuu itti fufeera

Hagayya 30/2018 (ENA)- Sagantaa torban sadaffaa piriimar liigii Ingiliziin Manchistar Siitiin Koventarii Siitii 1 fi 0’n mo’ateera.

Tapha Istaadiyeemii Itihaaditti gaggeeffameen Arliing Halaand daqiiqaa 26ffaatti gareesaaf galcheera.

Taphataan sarara duraa umrii 26 waggaa dorgommii kanatti galchii sadii galcheera.

Morkataan Manchisar Siitii Koventrarii Siitiin carraa galchii argate fayyadamuu hin dandeenye.

Manchistar Siitiin qabxii sagal qabatee dursuu itti fufeera.

Si’a sadii kan mo’ame Koventarii Siitiin qabxii malee sadarkaa 19ffaa qabatee sadarkaa gadii keessatti argama.

Taphi darbii Manchistar Siitiin Manchistar Yunaayitid waliin torban afraffaatti taphatu hawwiin eegama.

Koventarii Siitiin Biraayitan waliin ni taphata.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015