Hojjettoonni daandii qilleensaa bakkeewwan turizimii fi misooma qarqara lagaa Finfinnee daawwatan - ENA Afaan Oromoo
Hojjettoonni daandii qilleensaa bakkeewwan turizimii fi misooma qarqara lagaa Finfinnee daawwatan
Hagayya 30/2018 (ENA)- Hojjettoonni daandii qilleensaa Itiyoophiyaa bakkeewwan turizimii fi misooma qarqara lagaa Finfinnee daawwataniiru.
Hojjettoonni kunneen misooma qarqara lagaa Inxooxxoorraa amma paarkii Piikookitti hojjetaman daawwataniiru.
Hojiilee bu’ura misoomaa fi eegumsa naannawaa miidhagina Finfinnee agarsiisanii fi hawata turizimii daawwataniiru.
Hojiileen misoomaa Finfinneetti hojjetaman kan dinqisiifataman ta’uu daawwannaa Kanaan hubachuusaanii ibsanii, hojii misoomaa hunda galeessaa Finfinnee wiirtuu turizimii Afriikaa taasisuuf eegalame akka deeggaranii fi qoodasaanii bahuuf akka hojjetan mirkaneessaniiru.
Komishiniin turizimii Finfinnee hojjettoonni Finfinnee dhaabbilee garagaraa keessa hojjetan bakkeewwan turizimii magaalicha keessatti hojjetaman akka daawwatan hojii beeksisaa garagaraa hojjechaa akka jiru odeeffannoon waajjira kantiibaa ni mul’isa.