Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Naqamteetti dargaggoonni kuma 21 fi 800 caalan carraa hojii ni argatu

Hagayya 30/2018 (ENA) – Bara bajataa 2019 magaalaa Naqamteetti dargaggoonni kuma 21 fi 800 caalan carraa hojii argachuu akka danda’an qophiin taasifamaa jiraachuu waajjirri carraa hojii uumuu fi dandeettii magaalichaa beeksise.

Itti gaafatamaan waajjira carraa hojii uumuu fi dandeettii magaalaa Naqamtee Biraanuu Asaffaa, bara bajataa xumurame dargaggoota kuma 14 ol ogummaa garagaraatiin hojii akka argatan taasifamuu dubbataniiru.

Bara bajatichaatti dargaggoonni carraa hojii argatanitti akka fayyadaman liqiin birrii miiliyoona 289 kennamuu eeraniiru.

Liqii yeroon deebisuurratti hubannoo uumameen birriin miiliyoona 88 caalu deebi’uu ibsaniiru.

Bara bajataa 2019 carraa hojii uumamu babal’isuu, dhiheessii faayinaansii guddisuuf akkasumas hirmaannaa dargaggootaa cimsuuf xiyyeeffatamee akka hojjetamu obbo Biraanuun ibsaniiru.

Dargaggoonni kuma 21 fi 840 carraa hojii garagaraa akka argatan dubbataniiru.

Carraa hojii kan argatan keessaa dargaggoo Mulugeetaa Tasfaayee, deeggarsa liqii argadheen hojii loon gabbisuu eegaleera jedheera.

Hojjedhee galii argachuu kootiin gamatti dargaggoota biroofis carraa hojii uumeera jedheera.

Shamarree Haannaa Assaxxawu gamasheen, leenjii ogummaa fi deeggarsa faayinaansii argadheen hojii uffata hodhuu eegalee hojjechuun maatii koo deeggaraan jira jetteetti.

Carraan hojii nuuf uumame dargaggoota hedduuf abdii ta’eera kan jette shamarreen kun carraa hojii kanatti gargaaramuu qabna jetteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015