Tamsaasa Kallatti:

Niwukaastilii Yunaayitid fi Bornimawuz wal qixa bahan

Hagayya 30/2018 (ENA)- Tapha torbee sadaffaa Piriimer liigii Ingiliziin Niwukaastilii Yunaayitid Bornimawuz wal qixa bahaniiru.


Tapha Istaadiyeemii Senti Jemsi Paarkitti gaggeeffameen Harvii Barinsi fi Jakob Ramseen Niwukaastiliif galchaniiru.

Markes Tavarniiyer fi taphataan sarara ittisaa Niwukaastil Maliikji Tiiyawu galchiiwwan Bornimaauz gareesaarratti  galchaniiru.

Haala Kanaan Niwukaastil qabxii shaniin sadarkaa shanaffaa qabateera.

Bornimaawuz qabxii lamaan sadarkaa 14ffaarratti argama. Gareen kun amma ammaatti tapha liigichaa tokkollee hin mo’anne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015