Tamsaasa Kallatti:

Itiyoo-Telekoom hojii hawaasummaa irraa eegamu bahachuuf tattaaffii taasisu cimsee itti ni fufa

Hagayya 30/2018 (ENA) - Itiyoo-Telekoom hojii hawaasummaa irraa eegamu bahachuuf tattaaffii taasisu cimsee akka itti fufu hojii raawwachiiftuun kaampaanichaa Fireehiywoot Taammiruu ibsan.

Itiyoo-Telekoom dhaabbata tola oolaa “Sila Innaat” wagga 25 qabateef maallaqa birrii miiliyoona 2 tuqaa 2 fi mana barumsaa idileen duraa fi sadarkaa tokkoffaa Wuhidat Alamganaatti argamuuf ammoo dabtara barattootaa gumaacheera.

Hojii raawwachiiftuu olaanaan Itiyoo-telekoom Fireehiywoot Taammiruu deeggarsa kana bakkatti argamuun gumaachaniiru.

Kaampaanichi hojii idilee isaan gamatti dhiibbaa dinagdee namootaa hir’isuuf hojii hawaasummaa irraa eegamu hojjechaa jira jedhan hojii raawwachiiftuun kun.

Sagantaan tola ooltummaa hojii hawaasummaa bahachuu Finfinneetti gaggeeffames sadarkaa biyyaalessaatti deegarsi birriin miiliyoona 75 ol kan irratti gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru.

Tumsa dhaabbilee tola ooltotaa shantamaa ol waliin uumameen lammiilee kuma 22 ol fayyadaa akka jiru dubbataniiru.

Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbata tola oolaa “Sila Innaat” Yaared Abduu gamasaaniin; Itiyoo-telekoom waggaa shan darbee eegalee deeggarsa walitti aansuun taasisaa jiruuf galateeffataniiru.

Dhaabbileen biroos deeggarsa namoomaa kana fakkeenya godhachuun namoota deeggarsi barbaachisuuf deeggaruun itti gaafatummaa hawaasummaa akka bahatan dhaamaniiru.

Itiyoo telekoom hojii tola ooltummaa itti gaafatamummaa hawaasummaa bahachuu barana hojjetameen sadarkaa biyyaalessaatti barattoota kuma 100 ol ta’aniif deeggarsa dabtara miiliyoona 1 tuqaa 2 ol raabsuusaa beeksisaniiru.

Hundeessaan mana barumsaa idileen duraa fi sadarkaa tokkoffaa Wuhidat fi hojii raawwachiisaan olaanaa deeggarsa qama miidhamtootaa Dr. Abbabaa Yehuwalawarq gamasaaniin, deeggarsa taasifameef Itiyoo-telekoomiin galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015