Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad gita isaanii Xaaliyaaniif ergaa baga gammaddanii dabarsan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad gita isaanii Xaaliyaaniif ergaa baga gammaddanii dabarsan
Hagayya 30/2018 (ENA):Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meelooniif ergaa baga gammaddanii dabarsan.
Bulchiinsi Joorjiyaa Meeloonii milkaa’ina seenaa qabeessa galmeesseef maqaa Mootummaa fi Ummata Itiyoophiyaan baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru.
Bulchiinsi keessan milkaa’ina seenaa keessatti isa guddaa ta’e galmeessisaa jirutti, isin baga gammaddan.' jedhan.
Michuu koo Ministira Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii milkaa’ina bulchiinsa keessaniin galmaa’eef maqaa Ummataafi Mootummaan Itiyoophiyaatiin gammachuu onneerraa maddeefi ergaa baga gammaddanii dhiyeessuun barbaadaa jedhan Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad.
Hariiroo fi tumsi cimaan gama hedduu Itiyoophiyaa fi Xaaliyaan gidduu jiru cimee itti fufa jedhan ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanirratti dabarsaniin.
Akka dubartii gaggeessituu cimtuufi fageessitee yaadduutti seenaa Xaaliyaanii keessatti tasgabbii gita hin qabne fiddanii jirtu jechuun, Murannoo hin raafamneefi jabina keesaniin miira kaka’umsaa addunyaa keessatti uumuufi hariiroo Itiyoophiyaafi Xaaliyaanii jidduu jiru akka hunda galeessaafi gadi fagoo ta’ee akka itti fufu gootaniirtu.
Waliigaltee fi tumsa waloo, kan kabaja walii irratti hundaa’ef iddoo guddaa kennina. Isinii fi uummata Xaaliyaaniif nagaa fi badhaadhina itti fufiinsa qabu hawwina jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.