Ministirri Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Xiimootiiwoos Barreessaa Itti Aanaa Dhimma Alaa Ameerikaa kan Dhimmoota Afrikaa waliin mari’ataniiru - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Xiimootiiwoos Barreessaa Itti Aanaa Dhimma Alaa Ameerikaa kan Dhimmoota Afrikaa waliin mari’ataniiru
Hagayya 30/2018 (ENA) — Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr. Geediyoon Xiimootiiwoos, Barreessaa Itti Aanaa Dhimma Alaa Ameerikaa kan Dhimma Afrikaa irratti hojjetan, Firaank Gaarsiyaan, har’a waajjira isaaniitti simatanii waliin mari’ataniiru.
Hoggantoonni lamaan hariiroo yeroo dheeraa Itoophiyaa fi Ameerikaa gidduu jiru caalaatti cimsuuf karaa danda’amu irratti mari’ataniiru.
Akkasumas, walitti hidhamiinsa daldalaa fi invastimantii biyyoota lamaanii cimsuu irratti mari’achuun, dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii naannoo kan fedhii waloo isaanii ta’an irratti yaada wal jijjiiraniiru.
Itoophiyaan fi Ameerikaan Caamsaa 2018 Washington, D.C. keessatti dhimmoota badhaadhina dinagdee, daldalaa fi invastimantii, tumsa ittisaa fi nageenyaa, akkasumas nageenyaa fi tasgabbii naannoo mirkaneessuu irratti marii biyyoota lamaanii gaggeessuu isaanii Ministeerri Dhimma Alaa ibseera.