Hojii jajjabeessaa waggoottan shanan darban mana maree bakka bu’oota ummataatti hojjetameef qoodni hojjettoota waajjira mana marichaa olaanaadha-Af-yaa’ii Taaggasaa Caafoo - ENA Afaan Oromoo
Hojii jajjabeessaa waggoottan shanan darban mana maree bakka bu’oota ummataatti hojjetameef qoodni hojjettoota waajjira mana marichaa olaanaadha-Af-yaa’ii Taaggasaa Caafoo
Hagayya 30/2018 (ENA) - Hojii bu’a qabeessaa fi jajjabeessaa waggoottan shanan darban mana maree bakka bu’oota ummataatti hojjetameef gumaachi hojjettoonni waajjira mana marichaa olaanaa ta’uu Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasaa Caafooibsan.
Raawwii hojii olaanaa hojjettoonni agarsiisaniif galateeffatanii, badhaasa kennaniiru.
Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa obbo Taaggasaa Caafoo sirna beekamtii fi galateeffannaa hojjettoota waajjirichaa bara 2018 bu’aa olaanaa galmeessisaniif qophaa’erratti dubbii dubbataniin hojjettoonni waajjira mana marichaa hojii bu’a qabeessa hojjechuusaanii ibsaniiru.
Hojjettoonni waajjira mana marichaa gumaacha jajjabeessaa taasisaniif galateeffatanii, milkaa’ina kana cimsanii itti fufuu akka qaban dubbataniiru.
Miseensota mana maree haaraa fuuldura dhufan akkaataa danbii fi hojmaata mana marichaatiin simatanii ga’umsaan akka tajaajilan hubachiisaniiru.
Bakka bu’aan barreessaa olaanaa waajjira mana maree fi itti aanaan barreessaa olaanaa damee bulchiinsaa obbo Karrayyuu Baannataa gamasaaniin, hojjettoota raawwii caalaa agarsiisaniif beekamtii kennuun kanneen biroof fakkeenya kan ta’uu fi ijaarsa dhaabbataaf murteessaa ta’uusaa ibsaniiru.
Kaayyoon olaanaan badhaasa onnachiiftuu kun ergama mana marichaa bu’a qabeessa gochuuf ta’uu ibsaniiru.