Tamsaasa Kallatti:

Godina Shawaa Bahaatti maneen barnootaa birrii miiliyoona 469 oliin ijaaraman tajaajilaaf qophaa’aniiru

Hagayya 30/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaatti maneen barnootaa fi kutaaleen barumsaa dabalataa birrii miiliyoona 469 oliin ijaaraman bara barnootaa 2019’f qophaa’uusaanii waajjirri barnootaa godinichaa beeksise.

Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Girmaa Lammaa ENA’f akka ibsanitti, akkaataa inisheetiiviii fi kallattii mootummaan naannichaa kaa’eetiin waliin gahiinsaa fi qulqullina mirkaneessuuf maneen barnootaa godinichaa keessatti fooyyessi taasfameera.

Baatii gannaa tajaajila tajaajila tola ooltummaa lammummaatiin maneen barnootaa idileen duraa fi sadarkaa tokkoffaa sadarkaasaanii eeggatan haaraa 91 ijaaramuusaanii beeksisaniiru.

Kanneen keessaa 83 idileen duraa fi saddet ammoo maneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa ta’uusaanii eeraniiru.

Manneen barnootaa idileen duraa fi sadarkaa tokkoffaa keessatti kutaaleen barumsaa dabalataa 469 ijaaramanii tajaajilaaf qophaa’uusaanii dubbataniiru.

Ijaarsa maneen barnootaa fi kutaa dabalataaf birriin miiliyoona 469 baasii taasifamuu fi barattoota kuma 30 fi 640 simachuu akka dandeessisu ibsaniiru.

Gama biraatiin barsiisota baadiyyaaf haala mijataa uumuuf maneen jireenyaa barsiisotaa 941 ijaaramanii tajaajilaaf qophii ta’uu dubbataniiru.

Bara barnootaa 2019 godina Shawaa bahaatti barumsa idileen duraarraa amma sadarkaa lammaffaati barattoota kuma 373 fi 205 simachuun barsiisuuf qophiin xumuramee galmeen barattootaa sadarkaa hundatti gaggeeffamaa akka jiru ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015