Tamsaasa Kallatti:

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaarteettii namoota harka qal’eeyyiif deeggarsi adda addaa taasifame

 

Hagayya 29/2018 (ENA): Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaarteettii Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa Manguddoota deeggarsa hin qabnee fi namoota harka qal’eeyyiif deeggarsa garaa garaa taasiseera.

Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa Manguddoota deeggarsa hin qabnee fi namoota harka qal’eeyyiif qarshii Miliyoona 4 fi kuma 300 oliin daakuu , zayita nyaataa, meeshaalee barnootaa adda addaa bituun namoota 500 oliif deeggarsa taasisee jira.

Deeggarsa Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa Aanaa Jaardagaa Jaarteetti argamuun taasiseefitti gammaduu fi gargaaramuu jalaa bahuun jiruuf jireenya isaanii fooyyeessuun kaaniif dahoo ta'uuf kutannoon kan hojjetan ta'uu namoonni deeggarsi taasifameefii ibsaniiru.

Tajaajilli Lammummaa duudhaa sabichaa waan ta'eef gosa hojiilee garaa garaan Aanaalee fi Magaalota keessatti cimee itti fufee jiraachuu Bulchaa itti aanaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa obbo Luluu Qixxaataa himaniiru.

Aanichatti Namoota deeggarsa barbaadanii fi Barattoota Maatiin isaanii harka qalleeyyii ta'aniif deeggarsa garaa garaa Birrii Miliyoona 4 fi kuma 300 oliin taasisuun cinaatti mana jireenyaa Tajaajila Lammummaan Magaalaa Alibootti ijaaruuf qophii qabaachuu Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaatti gorsaa kan ta'an Komishinaar Musxafaa Kadiribsaniiru jechuun komunikeeshiniin Godina horroo guduruu gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015