Ashaaraan magariisaa dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuudhaan qooda ijoo gumaachaa jira – Gamtaa Afriikaa - ENA Afaan Oromoo
Ashaaraan magariisaa dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuudhaan qooda ijoo gumaachaa jira – Gamtaa Afriikaa
Hagayya 30/2018 (ENA) – Sagantaan Ashaaraa magariisaa dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuu fi lubbu qabeeyyiin akka eegaman qooda ijoo gumaachaa akka jiru Gamtaa Afriikaatti daarektarri naannawa itti fufiinsa qabuu fi dinagdee Biluu Harsan Niyaambee ibsan.
Daarektarichi turtii ENA waliin taasisaniin,ashaaraan magariisaa qilleensa qulqulluu dabalatee faayidaalee eegumsa sirna dachee argamsiisuun olitti, gadhiisii kaarboonii hir’isuudhaan hoo’a qilleensaa dabalaa deemu hir’isuuf akka gargaaru dubbataniiru.
Lafti dhiqamee fi haalli uumama lafaa naannawaa akka bayyanatu gochuun miidhaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti qooda ijoo bahachaa akka jiru dubbataniiru.
Walumaa gala ashaaraan magariisaa faayidaalee hunda galeessa hedduu kan qabu inisheetiivii biyyaalessaa ta’uu kaasaniiru.
Biyyoonni Afriikaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuurratti muuxannoo wal jijjiiruu akka qaban daarektarichi ibsanii; gama Kanaan rakkoolee eegumsa naannoorratti isaan mudatuuf furmaata kaa’uuf Itiyoophiyaarraa muuxannoo fudhachuu akka danda’an ibsaniiru.
Itiyoophiyaanis muuxannoo mulkaa’aa kana biyyoota Afriikaa biroof qooduudhaan qooda adda durummaa bahachuu akka qabdu daarektarichi kaasaniiru.