Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan qabeenya bishaaniishee misooma inarjiif oolchuuf imala itti jirtu ciminaan itti fufti-Injiinar Ashabbir Baalchaa

Hagayya 29/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan qabeenya bishaaniishee misooma inarjiif oolchuuf imala itti jirtu cimsitee akka itti fuftu hojii raawwachiisaan humna elektiriikii Itiyoophiyaa Injiinar Ashabbir Baalchaa beeksisan.

Gibxi qajeelfama tumsa qabeenya bishaanii daangaa cehuu fi itti fayyadama haqa qabeessaa fudhachuu diduun seenessa bara gita bittaa laga Abbayyaa qofaaa itti fayyadamaa turte sana deebisuuf addunyaa qofaashiirra jooraa akka jirtu kaasaniiru.

Injiinar Ashabbir Baalchaa ENA’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaan qabeenya uumamni ishee badhaase misoomsuun guutummaatti fayyadamuuf mirga guutuu kan qabdu biyya birmaduu ta’uushee hidha haaromsaatiin mirkaneessiteetti.

Itiyoophiyaanonni waggoottan kudha afran darban shiroota hidha haaromsaa gufachiisuuf xaxaman ciruudhaan dandeettii isaaniitiin ijaaranii carraa maaddii Abbayyaa itti qooddatan akka uuman ibsaniiru.

“Saroonni ni wacu Gaalli garuu deemsashee itti fufti” akkuma jedhamu ; Itiyoophiyaan hidha haaromsaa akkuma milkeessite wacni kamiyyuu osoo ishee hin daangessiin akkuma hidha haaromsaa qabeenya bishaaniishee inarjiif oolchuuf kutattee ka’uushee mirkaneessaniiru.

Hidhi haaromsaa ijaaramuunsaa biyyoota yaa’a gara gadiirratt dhiibbaa osoo hin geessisiinwaggaa guutuu bishaan akka argatan gochuusaa ibsaniiru.

Wacni kamiyyuu Itiyoophiyaan qabeenyashee misoomsitee itti fayyadamuurraa kan ishee dhaabu hin jiru kan jedhan hojii raawwachiisaan olaanaa kun; odeeffannoon wal dhahaan Gibxi facaasaa jirtu qabeenya uumamaa qabnu misoomsinee guddinaa fi badhaadhina akka hin mirkaneessine gochuuf shira xaxamudha jedhaniiru.

Har’as borus maddi anniisaa keenya inni ijoon laggeen keenya kan jedhan Injiinar Ashabbir; laggeen keenya gara misoomaatti jijjiiruuf qorannoorratti hundaa’uudhaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015