Tamsaasa Kallatti:

Naannoon Harariitti Duudhaa tajaajila Lammummaa Cimsuu dagaagsuun jireenya Lammiilee Sadarkaa guddaan jijiiraa jira - Obbo Geetuu Waayyeessaa

 

Hagayya 29/2018 (ENA):Naannoo Harariitti tajaajilli Lammummaa gannaa duudhaa walgargaarsaa cimsuun jireenya hawaasaa sadarkaa olaanaan jijjiiraa jira jechuun Hoogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Naannoo Hararii Obbo Geetuu Waayyeessaa ibsan.

Naannoo Harariitti hojiiwwan tajaajila lammummaa gannaatiin raawwatamaa jiran irratti mariin taasifameera.

Marii kanarratti kan argaman Hoogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Hararii Obbo Geetuu Waayyeessaa akka ibsanitti, naannichatti tajaajila lammummaa gannaatiin waloomaa fi walgargaarsaa cimsachuun jireenya uummataa sadarkaa olaanaan fooyyessaa jira.

Duudhaan Tajaajila lammummaa humna dabalataa deeggarsaa taasisuu fi qabeenya qindoominaan hoogganuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu eeraniiru.


 

Keessattuu tajaajila lammummaa gannaatiin maanguddoota fi harka-qal’eeyyii hedduu fayyadamtoota kan taasisan hojiiwwan gaariin dhugoomuu danda'uu isaanii eeraniiru.

Tajaajila lammummaa gannaa bara kanaatiinis fayyadamummaa uummataa kan cimsan hojiiwwan gurguddoon 14 haala cimaan raawwatamaa akka jiran dubbataniiru.

Kanaanis,haaromsa fi ijaarsa Manneen maanguddootaa fi harka-qal’eeyyii, eegumsa qulqullina naannoo, dhaabbii biqiltuu, arjooma dhiigaa , barnoota deeggarsaa kennuu fi hojiiwwan biroos raawwatamaa akka jiran ibsaniiru.

Kana malees, maaddii qoodduu, ijaarsa fi haaromsa kutaa barnootaa haaraa fi ture, suphaa teessuma barattootaa, hojiiwwan qulqullinaa dabalatee kitaabota wabii walitti qabuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamuusaa eeraniiru.


Aadaa walgargaarsaa fi tokkummaan hiyyummaa mo'achuuf humna guddaa kan uumu waan ta'eef, hogganiinis galmoota qabaman gara hojii guutuutti jijjiiruuf hojiiwwan raawwatamaa jiran cimsuu akka qabu Obbo Geetuu dhaamaniiru.

Akkasumas, naannichatti sagantaawwan guyyoota Qaammee shanan raawwataman akka milkaa'aniif dhaabbileen mootummaa hundumtuu, hoogganoonni sadarkaan jiran, hojjettoonni mootummaa fi uummatni shoora irraa eegamu akka bahan waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015