Ogummaa konkolaachiftootaa fi ga’umsa tekinikaa konkolaattotaa mirkaneessuuf dhaabbilee leenjii damichaa waliin tumsaan hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Ogummaa konkolaachiftootaa fi ga’umsa tekinikaa konkolaattotaa mirkaneessuuf dhaabbilee leenjii damichaa waliin tumsaan hojjetamaa jira
Hagayya 29/2018(ENA)...Ogummaa konkolaachiftootaa fi ga’umsa tekinikaa konkolaattotaa mirkaneessuuf dhaabbilee leenjii damichaa waliin tumsaan hojjetamaa akka jiru ejensiin geejjiba Oromiyaa beeksise.
Waltajjiin rakkoolee dhaabbata leenjii konkolaachiftootaa fi ga’umsa tekiniikaa konkolaattotaa irratti mul’atan furuuf akeeke Adaamaa galma abbaa Gadaatti gaggeeffameera.
Hogganaan ejensii geejjiba Oromiyaa obbo Kamaal Maammee akka ibsanitti, ga’umsi ogummaa fi tekinikaa konkolaachisaa fi konkolaataa mirkaneessuun nageenya daandiif murteessaa ta’uun ibsameera.
Dhaabbileen leenjii konkolaataa tajaajila geejjibaaf murteessaa ta’uu kan ibsan hogganaan kun, ga’umsa ogummaa knkolaachisaa fi qulqullina tekinikaa konkolaataa mirkaneessuurratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.
Konkolaachiftoonni ga’umsa qaban horachuu yoohin dandeenye waa’ee nageenya tiraafikaa dubbachuun faayidaa hin qabu kan jedhan obbo Kamaal, ga’umsa ogummaa fi tekinikaa konkolaachisaa fi konkolaataa mirkaneessuun itti gaafatama waloo keenyaati jedhaniiru.
Dhaabbilee leenjii keessatti leenjii kutaa keessaa fi qabatamaa sirnaan osoo hin leenjisiin hanqina hojmaataa fi naamusaa keessa galuun lammiilee balaa tiraafikaaf saaxilaa jira jedhaniiru.
Wiirtuleen leenjii istaandardii leenjii guutanii leenjii konkolaachiftootaa fi ga’umsa tekinikaa qulqulleessuu irratti hannarraa karaa hannarraa bilisa ta’een hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Itti gaafatamtoonnii fi ogeeyyonni sektara geejjibaa sadarkaan jiran itti gaafatama qaban sirnaan bahachuu akka qaban dubbataniiru.
Itti gaafatamaan damee konkolaachisaa fi konkolaataa ga’umsa mirkaneessuu obbo Asmaraa ijaaraa gamasaaniin, ga’umsaogummaa fi teekniikaa konkolaachisaa mirkaneessuuf hojmaanni teeknooloojiin deeggaramu diriirfamuusaa dubbataniiru.
Wiirtuleen leenjii fi dhaabbilee boolloo kennan qulqullinaa fi dandeettii teekinooloojii qaban gabbifachuu qabu kan jedhan obbo Asmaraan, qulqullinnii leenjii kennuu fi itti fayyadamni teeknooloojii dhaabbilee kunneenii naannichatti fooyya’aa dhufuu ibsaniiru.
Leenjichi kaameeraa ‘CCTV’n kallattiin kan gaggeeffamuu fi ashaaraan guyya guyyaan leenjitoonni mallatteessan, hordoffiin sa’aatii guyya guyyaa irratti bu’aan jajjabeessaan argamuusaa ibsaniiru.
Ejensichatti daarektarri mirkaneessa ga’umsa konkolaachisaa obbo Lammaa Dalaliisaa akka ibsanitti, woorkishooppota leenjicha deeggaran gurmeessuu, konkolaattota, Kompiitarootaa ga’umsa qabanii fi hojmaatasaanii gama fooyyessuutiin bu’aa gaariin argamaa jira jedhaniiru.
Siimuleetaroota, ibsaa tiraafikaa dijitaalaa fi woorkishooppota fayyadamuun fooyyeen akka argamu gochuusaa dubbataniiru.
Dhaabbilee leenjii konkolaachiftootaa naannichatti argaman 237 keessaa 190 kan ta’an kan ta’an sadarkaa fooyyeerratti akka argaman ibsaniiru.
Dhaabbileen ga’umsa tekinikaa konkolaataa mirkaneessan dandeettii fayyadama teknooloojii gama guddisuutiin raawwiin fooyya’aan jiraachuu ejensichatti daarektarri mirkaneessa ga’umsa tekinikaa komkolaataa obbo Kabbadaa Zagayyee ibsaniiru
See less