Tamsaasa Kallatti:

Goobeefi Shinooyyeen tapha dargaggootaafi shamarran hawwii gaarii ittiin waliif dabarsaniifi barii birraa simatanidha

Hagayya 29/2018 (ENA):Goobeefi Shinooyyeen tapha dargaggootaafi shamarran hawwii gaarii ittiin waliif dabarsaniifi barii birraa simatani ta’uun ibsameera.

Kunis Aadaafi duudhaa Uummata Oromoo dhaloota itti aanuuf dabarsuurra darbee turizimii biyyaa humneessuu keessatti gahee olaanaa bahachaa jira.


Goobeen tapha dargaggootni waliin taphataniifi xumura baatii waqtii gannaa keessa hawwii guddaan kan dargaggootni eeggatan yoo ta'u, Shinooyyeen ammoo shamarraniin kan taphatamudha.

Bakkeewwan taphni Goobeefi Shinooyyee itti taphatamuun Aadaan uummataa keessatti calaqqisan keessaa magaalaan Shaggar isa tokko yoo ta'u, hundeeffama Magaalaa Shaggar irraa eegalee hojii hojjetameen dhiibbaa akkasumas cabinsa Aadaafi eenyummaa sirnoota siyaasaa darbaniin raawwatamaa ture qolachuun danda'ameera.


Haaluma kanaan Magaalaa Shaggaritti agarsiisni feestivaala Goobeefi Shinooyyee qeerrroowwaniifi qarreewwan kutaalee Magaalaa Shaggar hirmaachise kutaa Magaalaa Sabbataatti sagantaa hawwataan gaggeeffameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015