Nageenyi Godina Wallagga Lixaa keessatti mirkanaa’een hojiiwwan misoomaa yeroo qabameef keessatti xumuramaa jira - ENA Afaan Oromoo
Nageenyi Godina Wallagga Lixaa keessatti mirkanaa’een hojiiwwan misoomaa yeroo qabameef keessatti xumuramaa jira
Hagayya 29/2018 (ENA): Nageenyi godina wallagga Lixaa keessatti mirkanaa’uusaan hojiiwwan misoomaa qindoominaan hojechuufi yeroo qabameef keessatti xumuruun tajaajilaaf akka oolan taasisuu dandeessisuu isaa Bulchaan Godina Wallagga Lixaa Obbo Taliilaa Tarrafaa ibsaniiru.
Godinichatti Aanaa Yuubdootti hojiiwwan misoomaa adda addaa qarshii miiliyoona 148n ijaaraman eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’aniiru.
Pirojektoota ijaarsi isaanii xumuramee tajaajilaaf oolan keessaa Keellaa Fayyaa,wiirtuu baay’isa Raammoo harii,galma walga’ii Aanichaa, Daandii fi hojiiwwan misoomaa biroo ni argamu.
Eebba pirojektoota kana irratti Bulchaan Godinichaa akka jedhanitti, godinichatti hirmaannaa uummataafi qindoomina qaamolee nageenyaan nageenyi mirkanaa’uu isaatiin hojiiwwan misoomaa yeroo qabameef keessatti ijaaramaanii tajaajilaaf akka oolan taasifamaa jira.
Kaniinis bara baajataa 2018 keessatti pirojektoota adda addaa 470 ol ijaaruun tajaajilaaf oolchuun danda’amuu isaa ibsaniiru.
Gara fuulduraattis uummanni hojii ijaarsa nageenyaafi misoomaa irratti hirmaannaa isaa caalaatti akka cimsu gaafataniiru.
Fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf hojiiwwan misoomaa raawwataman imala badhaadhinaa milkeessuuf kan gargaaran ta’uu Bulchaa Aanaa Yuubdoo Obbo Dagaagaa Mohaammedi dubbataniiru.
Nagaan naannichatti mirkanaa’uu isaa pirojektoonni misoomaa xumuramuun tajaajilaaf akka oolan haala mijataa uumuu isaa jiraataa Aanaa Yuubdoo Barsiisaa Takiluu Tashoomaa dubbataniiru.
Ijaarsi isaanii xumuramee tajaajilaaf kan oolan bu’uuraaleen misoomaa kunis umurii dheeraa akka tajaajilaniif gahee isaanii akka ba’an ibsaniiru.
Aanichatti gaaffiin misoomaa yeroo dheeraa deebii argachuun isaa kan jajjabeessuufi caalaatti itti fufuu kan qabu ta’uu jiraattuu Aanaa Yuubdoo Aadde Kibbituu Gaaddisaa ibsaniiru.
Rakkoon nageenyaa naannichaa furamuun hojiiwwan misoomaa adda addaa irratti dammaqinaan hirmaachuun fayyadamaa akka isaan taasise ibsaniiru.
Gara fuulduraattis hojiiwwan misoomaa sadarkaa barbaadamutti akka raawwatamaniif nageenya naannoo isaanii itti fufiinsa qabuuf eegumsa gochuun gahee isaanii ba’achuuf qophaa’uu isaanii mirkaneessaniiru.